Mootummaan jijjiiramaa keenya, ijaarsa dinagdee magariisaa rakkoo jijjiirama qilleensaa dandamatuu, dhimmaa ijoo taasisuun socho’aa jira. Milkaa’ina isaatifis, hojii eegumsaafi kunuunsa qabeenya umamaa irratti bal’dhinaan bobba’eera.

  • 07 Mar 2024
  • Posted by WPMNO
  • 0 Comments
Mootummaan jijjiiramaa keenya, ijaarsa dinagdee magariisaa rakkoo jijjiirama qilleensaa dandamatuu, dhimmaa ijoo taasisuun socho’aa jira. Milkaa’ina isaatifis, hojii eegumsaafi kunuunsa qabeenya umamaa irratti bal’dhinaan bobba’eera.
Mootummaan naannoo keenyaas, gama tokkoon hojii Misooma Sululaa, gama biraatiin hojii Sagantaa Ashaaraa Magariisaa akka toora xiyyeeffannootti qabatee socho’aa jira. Bu'uuruma kanaan, bara kana Tajaajila Lammummaatiin, lafa hekt. mil. 3.3 irratti misooma sululaa (hojii eegumsa biyyeefi bishaanii) raawwachuuf kan karoorfame yoota’u, raawwiin hanga ammaa %98 gaheera.
Akkasumas, Sagantaa Ashaaraa Magariisaatiin, biqiltuuwwan gosa adda addaa bil. 5.5 qopheessuuf karoorfamee dammaqiinsaan hojjetamaa jira. Sochii hanga ammaattin buufatawwaan garagaraatti biqiltuu bil. 4.8 (%87) qopheessuun danda’ameera. Yeroo hafuttis, karoora qophii biqiltuu kaa’ame milkeessuu cinaatti, hojiin iddoo dhaabbii biqiltuu GPS’n adda baasuufi bool'dha qopheessuu cimee ittifufuu akka qabu asumaan hubachiisuun barbaada.
የለውጡ መንግሥታችን የአየር ንብረት ለውጥን የሚቋቋም የአረንጓዴ ኢኮኖሚ ግንባታን ቁልፍ ጉዳይ አድርጎ እየተንቀሳቀሰ ነው፡፡ ለግቡ ስኬትም፣ በተፈጥሮ ሀብት ጥበቃና እንክብካቤ ላይ በስፋት ተሰማርቶ ይገኛል።
የክልላችን መንግሥትም፣ በአንድ በኩል ለተፋሰስ ልማት በሌላ በኩል ለአረንጓዴ አሻራ ፕሮግራም ልዩ ትኩረት ሰጥቶ እየተንቀሳቀሰ ነው። በዚሁ አግባብ፣ በዚህ ዓመት “የዜግነት አገልግሎት” (Tajaajila Lammummaa) በመጠቀም፣ በ3.3 ሚሊዮን ሄክታር መሬት ላይ የተፋሰስ ልማት (የአፈርና ውሃ ጥበቃ ስራዎች) ለመስራት አቅዶ የነበረ ሲሆን፣ የእስካሁኑን አፈፃፀም 98% ማድረስ ተችሏል፡፡
እንዲሁም፣ በዓመቱ የአረንጓዴ አሻራ መርዓ-ግብር፣ 5.5 ቢሊዮን ችግኞን ለማዘጋጀት ታቅዶ በንቃት እየተሰራ ይገኛል። በዚህም እስካሁን በተለያዩ የችግኝ ጣቢያዎች፣ 4.8 ቢሊዮን (87%) ችግኞችን ማዘጋጀት ተችሏል፡፡ በቀሪው ጊዜም፣ የተያዘውን የችግኝ ዝግጅት እቅድ ከማሳካት ጎን ለጎን የተከላ ቦታዎችን በጂፒኤስ የመለየትና የጉድጓድ ዝግጅት ተጠናክሮ መቀጠል እንዳለበት በዚሁ አጋጣሚ ለማሳሰብ እወዳለሁ።
See Translation
All reactions:
6161