You are here

Suuraa adda addaa

Yeroon kun, hunda caalaa yeroo itti hawwii jijjiirama hawaasa keenyaa galmaan gahuuf tasgabiin yaadnuu fi imala badhaadhinaa Naannoo fi Biyyaa keenyaa dhugoomsuuf falaasama Ida’amaan sochoonu ta’uun beekamuu qaba. Gahumsi ka’uumsaa keenya abdii qabeessaa fi jijjiirama hawaasa keenyaa kan dhugoomsuudha. Tattaaffii cimaa taasifamuu malu kana keessatti hudhaalee hedduun kan nu quunnamuu danda’an ta’ullee galma yaadame bira gahuuf kutannoo qofa kan nu gaafatuudha. Kanaafuu, guddina uummata keenyaa mirkaneessuu fi jijjiirama bu’uuraa fiduuf miira jijjiiraamaan tokko taanee socho’uun murteessaadha.

 

Naannoo Oromiyaa keessatti jijjiirama qabatamaa ta’e fiduu fi uummata keenyaa sadarkaa badhaadhinaatti ceesisuuf carraalee misooma hedduun kan jiranu ta’uun ni beekama. Haaluma kanaan, baroottan dabran keessatti iddoo kutannoo cimaan misoomaaf socho’aa turetti bu’aalee fakeenyummaa qaban kan galmeessifne ta’uun ni beekama. Gama biraatiin, rakkoolee gurguddoo gama dinagdee, siyaasaa fi hawaasummaatiin nu qunnamaa tureen guddina dinagdee Naannoo keenyaa sadarkaa barbaadametti ceesisuun hin danda’amne. Haa ta’u malee, hojii irra oolmaa Karoora Guddinaa fi Tiraanisfoormeeshiinii isa jalqabaa irraa eegalee biyya keenyatti ittifufiinsaan guddinni dinagdee galmaa'uun kan beekamuudha.

Guddina dinagdee eegalame kana daraan cimsuun sadarkaa jijjiirama bu’uuraa fiduu dandeessisuun kallattii qabsisuun fayyadamummaa hawaasa keenyaa mirkaneessuurra dabree sadarkaa badhaadhina naannoo keenyaa mirkaneessuu dandeessisutti ceesisuun barbaachisaadha. Milkaa’ina barbaadamu kana dhugoomsuuf Karoorri Imala Badhaadhinaa kun carraa gaarii kan uumuu fi isa murteessaadha. Karoorri Imala Badhaadhinaa hawaasa keenyaaf humna cimaa ta’ee abdii kan horachiisuudha. Mu’latni hawaasa keenyaa kun hawwiirra dabree jijjiirama bori dhufuun lammii keenya egereef bu’uura kaa’uu waan ta’eef qindoomina cimaa hubannoorratti hundaa’een socho’uun dirqama hunda keenyarra eegamuudha. Kanaafuu, milkaa’ina Imala Badhaadhinaaf yaada, beekumsa, humnaa fi qabeenyaa keenya qindeessuun jijjiirama Naannoo fi hawaasa keenyaaf akka sochoonu ergaa dabarsuun barbaada.

 

 

 

 

 

VISITOR COUNTER

website hit counter

NUU QUNNAMAA

  • Bilbilaa:-0115510155
  • Fax:-0115513642/0115519633
  • E-Mail:info@oromia.gov.et
  • Website:-www.oromia.gov.et
  • Postaa:-101769

Midiyaa Hawaasa

 

 

    Waa`ee Waajjira        Bulchiinsa        Diyaaspooraa        Daarektaroota       Oduu       Nuu Qunnamaa

    Copyright @2021 by Oromia President Office| www.oromia.gov.et