Ummanni Kadhatee Osoo Hintaane Kooree Tajaajila Argachuu Qaba jedhan Pirezidaantiin MNO obbo Shimallis Abdiisaa

  • 22 Mar 2024
  • Posted by WPMNO
  • 0 Comments

Hoggansi keenya hunda dura, ummata akkamii akka gaggeessu ifatti beekuu qaba. Ummanni kun ummata jijjiirama beekufi barbaadudha. Oduun osoo hintaane, sirnoota akka tulluu fuuldurasaa jaajjaa turan burkutoo taasisee argeera. Adeemsa jijjiirama waggoota shanan darbanis hamilee olaanaan tiksaa tureera. Jijjiiramni taatee guyyaa guyyaa isaati. Yeroo gabaabaa keessatti misoomuun akka danda’amu shaakallii qabatamaa horateera. Gocha isaatiin yemmuu madaalamu garuu, hoggansi hedduun, hoggansummaan isaa ummata jijjiirama dahee guddisu kanaaf ta’uu hinhubanne. Hubannoon kun osoo jiraatee, ummata kanaaf aarsaa fedhe kaffaluuf liphii ijaatiif waan mamu hinta’u ture. Haata'uutii, aarsaa addaa mitii, tajaajiluma ummanni qaroon kun kooree argachuu qabullee, kadhaadhanuu kennaafi hinjiru. Sila ummanni keenya sirnoota hedduu irratti fe’aman hadheeffatee qabsaa'un isaa maaliif ture? Tajaajila isaaf malu kooree argachuuf hinturree!? Dhugaan jiru garuu kana hinagarsiisu. Inumaayyuu, ijoollee isaatiin mirga isaarraa moggeeffamee, kajeeltuu tajaajilaa ta’e. Dhugaan fudhachuu qabnu yoojiraate, Oromoon ijoollee isaatiin miidhamuun, miidhaa isaa hinxiqqeessu. Ummanni kun rakkoolee alaafi keessan hoggansumti isaa itti umu hunda damdamatee jijjiirama kana tiksaa jira. Osoo ummata qaawwa hoggansaa jiru ofumaan duuchatu ta’uu baatee, qaata bittinaa’a ture. Egaa akka hoggansaatti waalama hubachuun dirqama ta’a. Tokkoffaa, ummata akkamii akka hogganaa jirru beekuu qabna. Lammaffaa, hanga Tajaajila qulqullinaafi ga'uumsaan hinhoggannetti, wanti addaa nuti hoggannu akka hinjirre hubachuu qabna. Dhumarrattis, ummanni keenya, har’as ijoollen isaa ofjijjiirtee tajaajila isaaf malu kan kennituuf ta’uu abdii guutuu qabaachuu yaadachiisaa, hoggansi sadarkaan jiru hundi, osoo abdiin kun hinlaafiin, ariitiin ofjijjiiree ummata isaa araarfatuu akka qabu cimsee hubachiisuun barbaada.