You are here

Seektaroota/Manneen Hojii Damee Faayinaansii fi Dhaabbilee Misoomaa Mootummaatiin  Hordofamaniifi Deeggeranman

     Biiroo Maallaqaa fi Misoooma Dinagdee

    Biiroo Galiiwwanii

   Abbaa Taayitaa To’annoo Dhaabbilee Misoomaa Mootummaa

Damee Faayinaansii fi Dhaabbilee Misoomaa Mootummaa 

1)   Raawwii imaammataa fi tarsiimoo damee faayinaansii fi dhaabbilee misoomaa mootummaa hordofuu fi xiinxaluun gabaasa xiinxala imaammataa fi tarsiimoo dhiyeessuu,

2)  Yaada imaammataa, tarsiimoo fi sagantaalee damee faayinaansii fi dhaabbilee misoomaa mootummaa bu’a-qabeessa taasisuu danda’an maddisiisuu,

3)  Kallattiiwwanii fi murteewwan Pirezidaantii fi mana maree bulchiinsa mootummaa naannichaatiin damee faayinaansii fi dhaabbilee misoomaa mootummaa ilaalchisee kennaman raawwachiisuu fi raawwatiinsa isaas dhiyeenyatti hordofuu fi deeggaruu,

4)  Yaada imaammataa, tarsiimooo fi murteewwan damee faayinaansii fi dhaabbilee misoomaa mootummaa irraa preezdaantiif dhiyaatu xiinxaluun qulqullinaa fi gahumsa isaanii mirkaneessuu

5)  Dhimmoota damee faayinaansii fi dhaabbilee misoomaa mootummaa bu’a-qabeessa taasisan irratti Pirezidaantiif gorsa kennuu,

6)  Gabaasa raawwii karoora damee faayinaansii fi dhaabbilee misoomaa mootummaa walgahii idilee Caffee Oromiyaatiif dhiyaatu qopheessuun dhiyeessuu

7)  Iyyannoo fi komii hiikkaa tarsiimo’aa qabanii fi damicha ilaallatan qorachuun fala akka argatan taasisuu

8) Gabaasa Mana Hojii Odiitii Mummichaa xiinxaluun yaada murtee dhiyeessuu.

Suuraa adda addaa

NUU QUNNAMAA

  • Bilbilaa:-0115510155
  • Fax:-0115513642/0115519633
  • E-Mail:info@oromia.gov.et
  • Website:-www.oromia.gov.et
  • Postaa:-101769

Midiyaa Hawaasa

 

 

    Waa`ee Waajjira        Bulchiinsa        Diyaaspooraa        Daarektaroota       Oduu       Nuu Qunnamaa

    Copyright @2021 by Oromia President Office| www.oromia.gov.et