Caasaa Waajjirichaa

Sadarkaa Waajjira Pirezidaantii MNO ttiAangoo fi hojii kennameef raawwachuuf Wajjirrichi I/G/ Waajjiraa fi Itti Aantoota itti gaafatamaa waajjiraa  Lamaan ol’aantummaan kan hogganamu ennaa ta’u, Mudamtoota Gorsaa sadarkaa adda addaatti jiran akkuma jiruutti ta’ee  DaayireektooreetiiHojii Ijoo lama (Daayirektoreetii Dhimmoota Bulchiinsaa, Iyyannoo fi Komii Ummataa; fi Daayirektoreetii Hordoffii fi RaawwiiImaammataa fi Tarsiimoo) fi Daayirektoreeti Hojii Deeggarsaa shan (Daayirketoreetii Dhimmoota Mana Maree Bulchiinsaa, Daayirektooreetii Dhimmoota Pirootokolii fi Qunnamtii Keessaa fi Alaa, Daayirektoreetii Dhimmoota Hirmaannaa  Diyaasporaa, Daayirektoreeti Karoora, Baajata, Bittaa fi Bulchiinsa Faayinaansii; Daayirektoreeti Bulchiinsa fi Misooma Qabeenya Humna Namaa) fi Garee Dhimmoota Sektaroota Hundaa sadi (  Qondaala Namuusaa fi Farra Mlaamaltummaa, Idileessuu Koorniyaa fi Dargaggoo fi Riifoormii fi Bulchiinsa Gaarii) akkasumas Bulchiinsa Kaafteeriiyaa Waajjira Pirezidaantii kan of keessattai haammatee jiruudha.

Sadarkaa caasaa godinaalee  fi aannaaleetti gurmaa’insi jiru Gareewwaan hojii Ijoo lamaa fi Garee hojii deeggarsaa tokkoo yoo ta’u sababii adda addaatiin humna namaa guuttachuu dhabuun fi yeroo yeroon jijjiramuun humna namaa (turn over) jiraachuun dhimmoota akka hudhatti ilaalmanii dha.

Sadarkaa magaaloota Itti waammani isaanii Waajjira pirezidaantii MNO tiif ta’etti  caaseeffamnii fi gurmaa’insi Waajjira kantiibaa qorannoo cimaa irraattti hundaa’ee kan gaggeeffamee waan hin taaneef hanga ammaatti gareewwaan hojii Ijoo lamaa  fi humna deeggarsaa muraasaan kan hojii keessa galmee jiru  , itti waamamni caasaa magaalaa dafee  adda bahee deeggarsa gahaa argachuu dhabuun hanqinoota turaniidha.

Gurmaa’insi Waajjirichaa yeroo ammaa jiru akkaataa gahee hojii ifatti adda bahee beekamu qabaachuu danda’uun, qindoominaan hojjechuu danda’uu fi gita hojii barbaachisaa gahaa kan qabu  ta’ee  haala amma jiru kanaan gurmaa’insi kun  mijataa fi ergama fuula duraa karaa guutuu ta’een bahuu dandeesissu jedhamuu baatuus gitoota ammaa jiran irratti humna gahumsa qabuu yoo ramaduun danda’ame jalqabbii gaarii uumuun ni danda’ama. Adeemsaan garuu caasaa fi gurmaa’insa mijataa qorannaa irratti hundaa’een foyyeessuun barbaachisaa akka ta’ee hubatameera.

Gama humna namaatiin sadarkaa nannootti amamla mana hojii irraa kan ka’ee giitoonnii baay’een muudamaa kan ta’an ta’uus gitoota ogeeyyiin irratti barbaachisan humna namaa caasaan hayyamame156, sadarkaa godinaaleetti caasaa hayyamame90 fi sadarkaa aanaattiCaasaa hayyamamee ­­­55, sadarkaa Magaaloota Mummee caasaan hayyamamee 24 , sad. Magaalaa Olaanaatti caasaan hayyamamee 19 sadarkaa magaaloota G/g caasaan hayyamame 37 yoo ta’u kana keessaasadarkaa Naannooti haali jiru ennaa ilaalamu gita hojii eeyyamame keessaa % 69, Sad. Goodinaaleetti G/galeessan % 55 sad. Aanaaleetti gidduugaleessaan % 63 sadarkaa magaalotaatti gidduugaleessaan % 70 kan humni namaa irratti ramadameekanjiru dha.

Gitoota hojii waajjirichaa keessaa kanneen ogummaa fi muuxannoo barbaachisaan fi ergama waajjirichaa kallatiin galmaan gahuufi gahee murteessaa qaban baayyeen isaanii kan namani itti hin ramdamne yoo ta’uu darbee darbees kanumti namni irratti ramadamee jiruus humna gahumsa fi muxannoo gitichi barbaaduukan hin qabne ta’uu ilaalmee jira.. Kanaafu, rakkoon hanqinnii humna namaa waajjirichaa gitoota hojii ogeessoota gahumsaa fi muxannoo qaban irratti waan ta’eef bara Karooraa kana keessatti keessatti xiyyeeffannaaargatee dhimma fooyya’uu qabuudha.

Suuraa adda addaa

NUU QUNNAMAA

  • Bilbilaa:-0115510155
  • Fax:-0115513642/0115519633
  • E-Mail:info@oromia.gov.et
  • Website:-www.oromia.gov.et
  • Postaa:-101769

Midiyaa Hawaasa

 

 

    Waa`ee Waajjira        Bulchiinsa        Diyaaspooraa        Daarektaroota       Oduu       Nuu Qunnamaa

    Copyright @2021 by Oromia President Office| www.oromia.gov.et