Hirmaannaa diyaaspooraan sadarkaa fedhamuun guddisuuf itti dhimamtoonnii hundii humna  misoomaa ta’uu isaanii  hubachuun gahee irraa eegamu akka bahataniif gurmaa’iinsi cimaan jiraachuun  murteesadha. Haaluma kanaan Sadarkaa  fadaraalaatti  qaama  hirmaannaa  Diyaaspooraa qindeessa Miinsteera Dhimma Alaa Federaalawaa jalatti  hundeessuu,akkasumas Misiyoonota  Itoophiyaa  biyya  alaa  jiran  keessatti  kutaa  hojii  dhimma Diyaaspoora  sochoosu  hundeessu fi  Diplomaatota  ramaduun, seeroota  adda  addaa  hirmaannaa  diyaaspooraa  cimsan baasuuf hojiirra  oolchuu, sadarkaa  manneen  hojii  adda  addaa fi  naannoolee hunda keessatti  qaama dhimma  hirmaannaa  diyaaspooraa  irratti  hojjattu  akka  hundeefamuu fi  humna  namaatiin  akka cimanii  sochii  godhan  taasifameera.

Sadarkaa  Mootummaa  Naannoo  Oromiyaatti Imaammanni  Diyaaspooraa  bara 2005 bahee hojiirra oolchuuf     qaamani hojii  hirmaannaa  Diyaaspooraa  qindeessu Daayireektoreetii Dhimma Kominikeeshnii WPBMNO ta’ee gurmaa’ee kan ture ta’us 2007 irraa eegale   sadarkaa  Daayiireektooretii Olaanaatti  hundaa’era. Daayireektooreetichii, sadarkaa hoogganaa birootti daayiireektara olaanaa fi sadarkaa itti aanaa birootti itti aanaa daayireektara olaanaan kan hogganamu ta’e akka waliigalaatti caasaa nama 10 qabatuun hundaa’e gahee fi itti gaafatamummaa kennameef bahachaa  tureera.

 

Haa ta’u malee qorannoo caaseeffama manneen hojii motummaa irra deebiin fooyyeessuu akka biyyooleessaattii bara 2011 geeggaaffeemeen walqabate caasaan duraanii Daayireektoreetii Dhimmoota Hirmaannaa Diyaaspooraa jedhamee akka waamamu,  gaggeessaa sadarkaa Hogganaa Biroottiin akka hogganamuu fi humna namaa waliigalaa 4n  irra deebiin akka gurmaa’u ta’ee ijaarameera.

Suuraa adda addaa

NUU QUNNAMAA

  • Bilbilaa:-0115510155
  • Fax:-0115513642/0115519633
  • E-Mail:info@oromia.gov.et
  • Website:-www.oromia.gov.et
  • Postaa:-101769

Midiyaa Hawaasa

 

 

    Waa`ee Waajjira        Bulchiinsa        Diyaaspooraa        Daarektaroota       Oduu       Nuu Qunnamaa

    Copyright @2021 by Oromia President Office| www.oromia.gov.et