• Ragaalee Dhimma Diyaaspooraa Oromiyaa Ilaallatan sirnaan ni gurmeesa,ni qindeessa,qaama dhimmi ilaalatuuf ni tamsaasa,
  • Diyaaspooraan misooma keessatti haala ittifufinsa qabuun akka hirmaatu ragaalee barbaachisaa ta’an qopheesuun ni tamsaasa,qaamolee gahe qaban dhaabbilee miti mootummaa,waldaalee hoggummaa, fi midiyaale adda addaa waliin tamsaa’ina ragaa fi waltajjiiwwan marii ni qindeessa,
  • Waltajjiiwwan marii adda addaa haala  sochii invastamntii naannaichaa diyaaspooraaf barbaachisu qaama ilaalatu waliin qopheesuu fi ibsa barbaachisu ni kenna,
  • Qorannowan diyasaspooraan misooma biyya keessatti taasisuu qaban ilaalchisee gaggeefamu keessatti ni hirmaata,yaada qorannoof barbachisu walitti qabuu  ibsa barbaachisu kennuudhaan galtee kana irraa aragamu walittti qindeesuun hojii irra ni oolcha,
  • Diyaaspooraan ijaarsa sisrna dimookraasii fi misooma Naannichaa irratti hirmaachuuf gara biyyaatti dhufan simmachuu, keesumeesuu,akkaataa fedhii fi dandeettii isaanitiin dame misoomaa filatan keessatti akka hirmaatan haallii mijataan akka uumamu ni caraqaa
  • Diyaaspooraan sochii haawasaa dinagdee naannichaa keessatti taasisaa jiran cimsanii akka ittifufan gochuuf waltajiiwwan marii, konfarsnsii, feestivaalaa fi sagantaale adda addaa qopheesuun imaamata fi tarsiimoo biyyaa irratti hubannoo ittifufiinsa qabu akka argatan ni taasisa,
  • Hirmaannaa diyaaspooran hojii misoomaa keessatti qaban cimsuuf manneen hojii fi qaamolee ilaalatan waliin ta’uu dhaan waltajjii qindoominaa akka uummamu taasisuu,karoora waltajjii qindoominaa qopheesuu raawwii isaa ni gabaasa,
  • Labsii, danbii fi qajeelfama hirmaannaa hawaasni diyaaspooraa misooma keessatti qabu cimsuuf bahan haala barbaadameen hojii irra ooluu isaanii, raawwii isaanii irratti manneen hojii dhimmi isaan ilaalatu waliin mari’achuudhaan ni hordofa, qaama dhimmii ilaalutti gabaasa ni dhiheessa,
  • Hirmaannaa diyaaspooraan hojii misooma biyyaa keessatti gageesaa jiranin walqabatee rakkoolee isaan qunnaman qaamolee dhimmi ilaalatu waliin ta’u dhaan akka hiikamu gochuun furmaata hattatamaa kennuu, raakkoo humna oli ta’e yoo jiraate qaama olaanaaf gaabasaa gochuun furmata dhumaa barbaaduu,
  • Hirmaannaan diyaaspooraa haala ittifufiinsa qabuun akka cimuuf labsii, danbii , qajeelfamoota fi sagantaawwan adda addaa bahaan raawwii isaanii hordofuu, deeggaruu fi dhimmoota fooyyaa’uu qaban nifooyyeessa,
  • Qabsoon ilaalchaa fi gocha kiraa-sassaabdummaa akka biyyooleessaatti gaggeeffamu keessatti  shoora cimaa ni taphata,
  • Ministeera Dhimmii Alaa Federalwaa fi Eejansii Diyaaspooraa Federaalaa waliin hariiroo hojii cimaa uumuudhaan ni socha’a, waltajjiiwwan marii dhimma diyaaspooraa akka biyaatti gaggeefamu irratti ni hirmaata

Suuraa adda addaa

NUU QUNNAMAA

  • Bilbilaa:-0115510155
  • Fax:-0115513642/0115519633
  • E-Mail:info@oromia.gov.et
  • Website:-www.oromia.gov.et
  • Postaa:-101769

Midiyaa Hawaasa

 

 

    Waa`ee Waajjira        Bulchiinsa        Diyaaspooraa        Daarektaroota       Oduu       Nuu Qunnamaa

    Copyright @2021 by Oromia President Office| www.oromia.gov.et