Hundeeffa Waajjiricha WPBMNO

Waajjirri Pirezidaantii yoom akka hundaa’ee ragaan qofaatti ibsu yoo jiraatuu baate illee hundeeffamni waajjirichaa hundeeffama Mootummaa naannichaa wajjin kan deemuu fi Hagayya 1984 akka ta’e ragaaleen adda addaa ni mul’isu. Waajjirri Pirezidaantii Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Pirezidaantii fi Manni Maree Bulchiinsa Mootummaa Naannoo (Kaabineen) aangoo fi hojii Heera Mootummaatiin kennameef raawwachuu akka danda’an deeggaruuf kan hundeeffameedha.

Ergamni Waajjirichaas aangoo fi hojiin Pirezidaantiif Heera Mootummaa Naannoo Keewwata 57 irratti akkasumas Mana Maree Bulchiinsaaf (Kaabineef) Keewwata 55 irratti kennaman raawwatamuu akka danda’an haala mijaahaa uumuu, fi deeggarsa teeknikaa fi ogummaa kennuudhaan bulchiinsa gahumsa qabu taasisuudha. Kana malees, Labsii Lakk. 162/2003 Aangoo fi Hojii Qaama Raawwachiiftuu Mootummaa Naannichaa irra deebiidhaan murteessuuf baheen gaheen waajjirichaa irra deebi’amee labsamuudhan waajjirichaaf aangoon guddaan kennamee jira.

Waajjirichi hojiiwwan siyaas-dinagdee fi hawaasummaa Karoora Guddinaafi Traanisformeeshinii Waggaa Shanii haala amansiisaa ta’een raawwachuu fi raawwachiisuu keessatti gahee hoggansaa kallattii irraa eegamu gahumsaan bahuun Pirezidaantii fi Kaabineef deeggarsa amansiisaa kennuu qaba.  Kanaan walqabatees aangoo fi hojii Labsii Lakk. 162/2003 Keewwata 14 irratti kennameef kana raawwachuuf hojimaataa fi caaseffama barbaachisu diriirsuun waan barbaachisuu fi akkasumas hanqinaalee hojimaataa fi dandeettii waajjirichi yeroo dheeraaf keessa ture bu’uura irraa furuun jaarmiyaa kaayyoo hundeeffameef gahumsaan raawwachuu danda’u akka ta’u qorannoo sirreeffama jaarmiyaa taasifameera.

Suuraa adda addaa

NUU QUNNAMAA

  • Bilbilaa:-0115510155
  • Fax:-0115513642/0115519633
  • E-Mail:info@oromia.gov.et
  • Website:-www.oromia.gov.et
  • Postaa:-101769

Midiyaa Hawaasa

 

 

    Waa`ee Waajjira        Bulchiinsa        Diyaaspooraa        Daarektaroota       Oduu       Nuu Qunnamaa

    Copyright @2021 by Oromia President Office| www.oromia.gov.et