You are here

(Dambee Turcee, Yunvaristii Finfinneetti Kaadhimamaa PhD):-Hojii gama aadaatiin waggoottaan sadan darban kana keessa BMNO hojjate keessaa hojiin Mana Murtii Aadaa sadarkaa aanaa, magaalaafi gandaatti hundeessuun isa ijoodha. Ummtni Oromoo Sirna bulchiinsa Gadaa demokiraatawaa bocee jaarraa hedduudhaaf ittiin bulee rakkoolee siyaas-diinagdee ittiin hikkataa turee jira. Erga bulchiinsi gita bittaa afaan qawweetiin lafa Oromoo toowannaa isaa jala oolchee ummata cunqursee bulchuu eegalerraa kaasee Oromoon heeraafi seera qabuun buluun hafee seeraafi duudhaa gara biraatii fidaniin akka bulu ta’eera.

Itoophiyaan biyyoota ijaarsii isaanii bu’uura irra rakkoo qabu keessa tokko. Akka Impaayeratti ijaaramte. Impaayerichii akkuma impaayerota biraa seenaa uummattoota hedduu, eennummaa, aadaafi maloota jireennaa hedduu balleesse. Mootummootni sirna Impaayeratin biyyattii ijjaarra jedhan humnatti amanaa waan turaniif gaaffii saboota, sabalammootaaf uummattoota biyyattii ukkaamsaa waan tureef biyyattiin yeroo garagaraatti raafamaa turte.

Seensa:- Sirnoota darban keessa walitti dhufeenyii namootaa fi ummattoota akkasumas dhaaboota siyaasa adda addaa jidduu jiruu akka gaarii hin turre dhugaa jiruudha. Kuniis ummata Itoophiyaa hunda maraammartoo rakkoo siyaasaa keessa buuseera.

Mariin Biyyooleessaa waldhabdee fi rakkoo nageenyaa biyya tokko mudate bifa walitti fufiinsa qabuun furuuf kan adeemsifamuudha. Mariin Biyyooleessa kaayyoo yeroo gabaabaa fi dheera kan qabu yoota’u, dhumarratti walhubannaa fi jijjiirama waara’a fiduudha, yoo haalaan milkaa’emmmoo waliigaltee haaraa uummaataa (new social contract) hundeessuun galma isaati.    Mariin biyyooleessa kan hubatamuu qabu humnoota hawaasaa keessaa jirani fi hawaasa garaaraa walhubachiisuuf  akkasumaas rokkoo waloon furuuf ta’uu isaati. Fayiidan marii biyyoleessa qabatamaan rakkoo biyya kana walitti fufiinsaan kan furu yoo ta’eedha. Akka beekaan falaasamaa Jürgen Habermas (Theory of Communicative Action) jedhutti Mariin ykn haasawaan qindoomina walitti fufiinsa qabuu fi aadaa dimokirasii hariiroo uummataa giddugaleeffate ijaaruuf akka fayyadu kaa’a.

Suuraa adda addaa

NUU QUNNAMAA

  • Bilbilaa:-0115510155
  • Fax:-0115513642/0115519633
  • E-Mail:info@oromia.gov.et
  • Website:-www.oromia.gov.et
  • Postaa:-101769

Midiyaa Hawaasa

    Waa`ee Waajjira        Bulchiinsa        Diyaaspooraa        Daarektaroota       Oduu       Nuu Qunnamaa

    Copyright @2021 by Oromia President Office| www.oromia.gov.et