Har'a sagantaa waldorgommiifi agarsiisa guluffii fardaa qarqara Haroo Dandiitti gaggeeffame irratti argamuu kiyyatti baay’een gammade jedhan PMNO Obbo Shimallis Abdiisaa.

  • 22 Jan 2024
  • Posted by WPMNO
  • 0 Comments
Fardi ummata Oromoo biratti iddoo addaa qaba. Fardi gammachuufi gadda, jilaafi duula Oromoo keessaa hin dhabamu. Bara diinni biyya keenya weeraree ture abboonni keenya fardeen isaanitiin duulanii weerartuu qaanessan. Injifannoon argames ta'ee, wareegamni kaffalan kan kophaa isaanii osoo hin taane, fardeen isaanii waliiniti.
Har'as fardeen keenya faayafi bohaartii ummataa keenyaati. Nuti ammoo Safuufi kabaja ummanni keenya fardaaf qabu akkuma jirutti itti fufsiisuun madda diinagdee taasisuuf hojjechuu qabna.
Waldorgommiifi agarsiisni guluffii fardaa har'a Ikoo-Turizimii Wancii-Dandiitti taasifame, Wancii Dandii lafa sadarkaa biyyaattifi qaxanaatti dorgommiin guluffii fardaa guddaan itti gaggeeffamu taasisuun akka danda'amu kan nuuf mirkaneesseedha. Akka naannootti naannoon keenya gosoota hawwata turizimii sadan: seenaa, aadaafi uumama gaha kan qabudha. Qabeenyi kun gara faayidaa dinagdee jiruuf jireenya hawaasa keenyaa jijjiiruuf guddisuuf qamni hundi waliin haa hojjennuun dhaamsa kooti!
ዛሬ በደንዲ ሀይቅ ዳርቻ በተካሄደው የፈረስ ግልቢያ ውድድርና ትርኢት ላይ በመገኘቴ ታላቅ ደስታ ተሰምቶኛል።
ፈረስ በኦሮሞ ህዝብ ዘንድ ልዩ ስፍራ አለው። ፈረስ የኦሮሞ ህዝብ ደስታና ሀዘን ውስጥ፣ በኦሮሞ ህዝብ ባህልና በዓል ውስጥ ሁሌም አለ። በአጠቃላይ የኦሮሞም ሆነ የመላው ህዝባችን ታሪክ ከፈረስ ጋር የተቆራኘ ነው። ጠላት ሀገራችንን በወረረ ጊዜ አባቶቻችን በፈረሶቻቸውና ከፈረሶቻቸው ጋር በመሆን የተቃጣባቸውን ጥቃት መመከት ችሏል። አባቶቻችን በተለያዩ ጊዜና ግንባር የተቀዳጁት ድልም ሆነ የከፈሉት መስዋዕትነት ብቻቸው ሳይሆን ከፈረሶቻቸው ጋር ነበር።
ዛሬም ፈረሶቻችን የህዝባችን ጌጦች እና መዝናኛዎች ናቸው። እኛ ደግሞ ህዝባችን ለፈረስ ያለውን ክብርና ቦታን በማስቀጠል ፈረሶቻቸውን የኢኮኖሚ ምንጭ ለማድረግ መስራት አለብን።
ዛሬ በወንጪ-ዳንዲ ኢኮ ቱሪዝም የተካሄደው የፈረስ ግልቢያ ውድድርና ትርዒት ወንጪ-ደንዲን የሀገር አቀፍና የቀጠናው ትልቁ የፈረስ ጉግስ ውድድር ስፍራ ማድረግ እንደምንችል ያረጋገጠልን ነው። እንደ ክልል፣ ክልላችን ሦስቱንም የቱሪስት መስህቦች ማለትም ታሪክ፣ ባህልና ተፈጥሮን በበቂ ሁኔታ የያዘ ነው። ይህንን ሃብት ወደ ህዝባችን ኢኮኖሚያዊ ተጠቃሚነት ለማሳደግ ሁሉም አካላት በጋራ እንሰራ ዘንድ ጥሪዬ ነው!