Gulantaa irra gahutu jijjiirama malee, qabsoon xumuramu hinjiru! Qabsoon Hiree dhala namaati jedhan Prizidaantiin MNO Obbo Shimallis Abdiisaa.

  • 07 Mar 2024
  • Posted by WPMNO
  • 0 Comments

Gulantaa irra gahutu jijjiirama malee, qabsoon xumuramu hinjiru! Qabsoon hiree dhala namaati. Yoomiyyuu, eessattuu hinhafu. Qabsoorraa bilisa ta’uun kan danda’amu sababa lamaan qofa. Tokko, gabrummaafi fafa isaa waliin jiraachuuf yoo murteessine; lammaffaa, jiruu addunyaa kana irraa du’aan yoo boqanneedha. Kanarraa kan hafe, galma qabsoo keenyatu gargar ta’a; ykn gulantaa qabsoo keenyatu jijjiiramaa deema malee, qabsoon barumaan baraneedha. Sadarkaan jiruu keetii kan fedhe haata’u (deega/badhaadha) qabsoon hinhafu. Sadarkaa nama dhuunfaa, hawaasaa, sabaa, ykn biyyaatti qabsaa’ama ta'a malee qabsoon yoomiyyuu hin hafu. Qabsoon ummata Oromoos dhugaa kanarraa adda miti. Ummanni keenya dhiibbaa qaama alaarraa dhufeen jaarraa tokkoo oliif roorroo hamaa jala tureera. Qabsoo hadhaawaa, dheeraafi gatii qaalii baasiseen ofirraa darbuu danda'eera. Haata’uuti mirga siyaasaa goonfachuun gulantaa qabsoo jijjiira malee qabsoo hingoolabu. Sababni tokko, ummanni keenya sarbama mirgaafi miidhaa adeemsa qabsoo keessa dhuferraa hanga har’aatti guutummaan hindamdamanne. Kana, har’a irratti hin dhaabnu taanan boruttis ce’uun dhalootaaf ba'aa ta'a. Lammaffaa, dhiibbaa qaama alaa irraa bilisoomuun qofaasaa gahaa miti. Keessoo sabaattis hiyyummaafi boodatti hafummaa jiru irratti hadheeffannee qabsaa’uun dirqama. Godaannisa kaleessaa kulkulfachuu irra darbine, karoora tarsiima’aa haala qabatamaa sabaafi yeroo hubate qabannee qabsaa’uu barbaachisadha. Galmi qabsoo keenyaas rogdanuudha. 1ffaa: Sirna cimaa ijaarra – siyaasa ammayyaawaa, aadaafi duudhaa ummataa wabeeffate diriirsina. 2ffaa: Ummata dinagdeen humneessina – baay’ina, ariitiifi qulqullinaan omishuu, qusachuu, deebisanii misoomaaf oolchuun (reinvest) qabeenya uumna; dinagdee ijaarra. 3ffaa: Dhaloota dorgomaa uumna – barnoota, saayinsiifi teknoolojii babal’dhisuun dhaloota biyyaafi idil-addunyaatti dorgomaa ta’e uumna. Galmoota kanneen dhugoomsuu keessatti, mootummaan ummata keenyaa jabaatee gahee isaa qixaan bahuu akka danda’u qaamni hundi gahee qabsoo isarraa eegamu akka bahu dhaamsa kabajaa dhiyeessuun barbaada. Gulantaa irra gahutu jijjiirama malee, qabsoon xumuramu hinjiru! Qabsoon hiree dhala namaati!