Gamaaggama raawwii hojii mootummaa kurmaana 2ffaa bara 2016 goolabne!

  • 18 Jan 2024
  • Posted by WPMNO
  • 0 Comments

Gamaaggama guyyoota sadiif ture kanaan, raawwii keenya ija "Karoora Xiiqii"tiin ilaallee jirra. "Karroorri Xiiqii" keenya "osoo qabnuu akka dhabaa; osoo dandeenyuu akka dadhabaa ta'uu hin qabnu" jedhu irraa kan maddeefi dilbii jiru hunda duguugee fayyadamuu kan kaayyeffateedha. Raawwiin hanga ammaa, ija adeemsa barameetiin yemmuu ilaalamu gammachiisaa ta'us, akka "Karoora Xiiqii"tti- humna ummataa sochoosuu dandeenyu, feedhii misoomaa jiruufi carraalee waliigalaa qabnuun yemmuu madaalamu goonkumaa gahaa akka hin taane waliigallee jirra. Qabsoo hadhaawaan ummanni keenya jaarraa tokkoo oliif taasise fiixan kan bahe erga hooggansa tarsiima'aa argatee booda. Bifuma walfakkaatuun, injifannoo harka ummataa jiru kana tiksuufiis hooggansa tarsiima'aa kennuun dirqama keenya ta'uu waliigalameera. Hanqinaaleefi ciminoonni kurmaana darbe keessatti mul'dhatanis bu'uuruma kanaan, kan adda bahan yoota'u, yeroo ittaannuf kallattiin sadarkaa barbaadameen raawwachuu nu dandeessisu kaa'amee jira. Hojii keenya keessatti, qormaatileen gara garaa kan numuudatan ta'us, gufuu yeroo akka rakkoo goorootti osoo hinfudhatin, rakkoolee hamaa ummata keenyaa kan ta'an hiyyummaafi boodatti hafumaa irratti xiyyeeffachuuf waliigalameera. Akka hooggansaatti, gufuu yerootiif osoo hin jilbiiffanne mootummaa dandamataa (resilient state) uumnee rakkoolee gurguddoo ummata keenyaa hiddaan buqqisuuf halkaniif guyyaa hojjechuu qabna. Dhumarrattis, injifannoo ummata keenya harka jiru sadarkaa duubatti hin deebineen gahuu keessatti sektarri hundi kaayyoo isaa beekuu qofa osoo hin taane, raawwiin gama kanaan taasisu galmoota waloo akka mootummaatti milkeessuuf qabannef (barnoota - saayinsiifi teknoolojii, dinagdeefi sirna) bu’uura kaa’uu kan danda'u ta'uu qaba. Kanaaf ammoo carraalee jiran hunda fayyadamuun dirqama keenya ta’a.