You are here

Suuraa adda addaa

Mariin Biyyooleessaa waldhabdee fi rakkoo nageenyaa biyya tokko mudate bifa walitti fufiinsa qabuun furuuf kan adeemsifamuudha. Mariin Biyyooleessa kaayyoo yeroo gabaabaa fi dheera kan qabu yoota’u, dhumarratti walhubannaa fi jijjiirama waara’a fiduudha, yoo haalaan milkaa’emmmoo waliigaltee haaraa uummaataa (new social contract) hundeessuun galma isaati.    Mariin biyyooleessa kan hubatamuu qabu humnoota hawaasaa keessaa jirani fi hawaasa garaaraa walhubachiisuuf  akkasumaas rokkoo waloon furuuf ta’uu isaati. Fayiidan marii biyyoleessa qabatamaan rakkoo biyya kana walitti fufiinsaan kan furu yoo ta’eedha. Akka beekaan falaasamaa Jürgen Habermas (Theory of Communicative Action) jedhutti Mariin ykn haasawaan qindoomina walitti fufiinsa qabuu fi aadaa dimokirasii hariiroo uummataa giddugaleeffate ijaaruuf akka fayyadu kaa’a. Akka hayyuun kun jedhutti Maallaqnii fi Humni siyaasaa qindoomina yeroo gabaabaaf namoota walakkatti fiduu niidanda’a garuu maariin (Communication) qindoominaa cimaa walitti fufiinsaa fi walqixxummaa qabuu uuma.

Mariin Biyyoolessaa mataa isaatiin akkaa meeshaa tolchamee itti fayyadamuuf qopha’e tokkotti ilaaluun yaada guutuu hinta’u. Waa’ee Marii Biyyooleessaa yaaduunuu mataa isaatiin marii guddoo barbaada. Kanaaf mootummaan naannoolee biroo muuxanoo gumii Balal irraa fudhachuun osoo itti adeemanii kanan jedhuun qaba. Sabani isaas nannoon sabaaf sablammii garaagaraa of keessa hin qabne hinjiru waanta’eef. Irra caalaatti uummanni biyya kanaa walhubannaa ga’aa hinqabu, akkasumas dantaa walfaalleessuu fi falaasama garaagraallee kan qabu jira.  Garaagarummaan mataa isaatiin rakkina hinqabu, garaagarummaan qu’annoo ykn qorannnoof nu affeera, qorannon ammo Dhugaatti nugeessa. Dhugaan ammaa walitti nama araarsa.

Mariin biyyoolessa sadarkaa gurguddoo saditti qoodamee kan adeemsifamu ta’a. Inni jalqabaa Qophiidha: Qophii fi karoorri bifa hunda galeessaa fi qabatamaa ta’een kan qindaa’uu fi foo’amuudha. Akkuma Oromoon ‘hodhaan jalqaba bada jedhu’ jalqabbiin keenyas galmii keenyaas miidhaguu qaba. As irratti adeemsi jiru kan hunda hirmaachisee fi hirmaachisuuf kan nama raakkisan, seeraan ala qaamota hidhatanii socha’an akkamiin gara karaatti akka deebi’an mariyachuun illee barbaachisaadha. Mootummaanis Marii biyyoolessaa kana kan karoorseef tapha siyaasaaf akka hintaanee mirkaneessuun, akkasumas beektootnni fi qaamni deeggarsa hawaasa qabu hundi biyya isaaniif kan yaadan yoota’an dhugaa fi haqaan ga’ee isaanii bahachuuf of qopheessu qabu. Gulaantaan inni lammaffaan Adeemsaa fi ijaarsa. Adeemsi marii biyyooleessaa ifaa fi haqa qabeessa ta’uutu irra jira. Ijaarsii marii biyyoolessa namootaa fi dhaabbattotaa hunda galeessa ta’anin kan hoogganamu  fi adeemsi marii kanaa qabiyyee rakkoolee walxaxoo biyya kanaa ta’an sirritti gadi fageenyaan qorachuun kan hiiku ta’uu qaba.  Inni dhumaa Raawwidha. Marii biyyoolessaa hojiirra olchuun danqaa addaa addaaf saaxilamuu danda’a waan ta’eef of eeggannoo cimaan kan rawwaatamu ta’uu qaba. Biyyootni garaaraa aadaa, siyaasa-dinagdee fi hawaasummaa adda addaa qaban marii biyyooleessaan kan milkaa’anis jiruu kan hin milkaa’in hafanis jiru. Waarri milkaa’an maaliif milka’aan waarri kufan hoo maliif kufan jennee haala biyya keenyaa wajjin walbira qabnee ilaaluun muuxannoo gaarii irraa fudhachun daran barbaachisa.  

Dhimmi ijoo lammataa ‘Dantaa Uummata Oromoo Foo’uudha’. Sabni Oromoo har’a iddoo kaleessaa hinjiru kan biraas akkasuma. Kaleessa harka ormaatu nurra ture, har’a biyya of harkaa qabna. Kanaaf akka kaleessatti yaaduun hin barbaachisu. Qaamootni siyaasaa ofii isaaniitii waldhabanii Saba Oromoos milkaa’ina dhabsiisuu hinqabanu. Akka Oromootti Dantaa tokko fi muldhata tokko qabaachuutu nurraa eegama. Kanaaf  dantaan marii biyyooleessaaf dhiyeessunis qabiyyeen kan tokkoo ta’e fi afaan tokkoon dhiyeessuutu nurraa eegama. Akka sabaatti illee falaasama haaraa fi furmaata haaraa rakkoo biyya kanaaf ta’u waloon maddisiisuu fi dhiyeessutu barbaachisa. Wallooman daantaa oromoof dhaabbachuun akka salphaatti hindhufu. Falli jiru falaasama Saba keenyaa Safuu fi Sirna Gadaatti deebi’uudha, iddoo hanqinnii jiruttimmoo hayyotni, ‘Civil Society,’ abbootiin amantii fi gadaa furmaata waara’aa itti barbaaduun itti dabaluudha.

Kan armaan olii akkuma jirutti ta’ee hanqinnotni guutamuu qabaniifi fi ilaalchotni sirrachuu qaban baay’eedha. Kanneen keessaa, muraasa isaanii osoo hin kaasin bira hin darbu. Kanneen keessaa inni tokkoffaan hubannaa fi ittifayyadama ‘Aangootin’ kan walqabatuudha. Dhaabboonni siyaasa Oromoo bakka baay’eetti kan walqoodaniif dantaa Oromoof osoo hintaane danta aangoo isaanitiifi. Motummaanis, keessumattuu, qaamooleen mootummaa gara gadii jiran aangoon walqabatee ilaalcha adda ta’e hin qabanu. Milkaa’ina marii kanaatif ilaalchi partileen siyaasaa Aangoof qaban kishaafee sirna gadaatiin ta’uu qaba. Sirna Gadaa keessatti aangoon qabeenyaa ittiin guurrattu hin jiru, dirqama hooggansi gadaa bahachuu qabutu irra caalatti jira. Inumayyuu aangoo wanti jedhamu sirna gadaa keessa hinjiru, Baallii (dirqama tajaajiluu) wal harkaa fuudhuu qofatu jira. Faayidaa irra dirqama ati bahattutu caala, ofii beeloftee uummata nyaachifta, ofii duutee uummata kee jirachifta, aangoon nii tajaajilta malee ittiin of hin tajaajiltu. Kanaaf namnuu aangoo irratti wal hinloolu. Faallaa kanaa, aadaa siyaasaa biyya kanaatti harka caalaan Aangoon dantaa ofii guuttachuufi barbaadama.  Sirna gadaa keessaatti Baallii kan fudhattu uummata tajaajiluufi. Uummata ofii tajaajiluun silaa kabaja dantaan hin jijjiiramne ture.  Kun sirritti irra deebi’amee kan laalamuu qabudha.

Inni lammaffaan, biyyaa kana keessaatti Angafummaa Oromoo xinsammuu dhalootaa keessatti ijaaruudha. Biyya Itiyoopiyaa kan ijaaree saba hunduma taa’ullee adda dureen ga’een uummata Oromoo isa guddadha. Oggaa kaabaan meesha waraanaa argachuuf jecha Atse Minilik biyya gurguru Ras Goobanaan Gojjam, Oromiyaa fi uummattota kibba gara Itiyopiyaa amma jirtu kanaatti ida’e. Oromomoon biya hin hir’isu nii idaa’a male. Silaa kan farfamuu qabu Ras Goobanaa ture. Kan Biyya kana ijaare Raas Goobanadha.  Garuu akka nuuf ta’utti miti kan inni bu’ureeesse. Angafa ta’uu dagatee Oromoo ganuun orma jala galee. Sababa Angafummaa dabarsee lateen har’a uummata Oromoo biratti galmee seenaa gurraacharratti galmaa’ee jira.   

Inni sadaffaan, Hireen Uummaata Oromoo Itiyoopiyaa Oromoof taatu ijaaruun malee foxxoquun akka hintaanee namnu hundi shakkii malee akka amanuu gochuudha. Oromoo Matakal,  Oromoota naannoo kibbaa jiraatan, kan nannoo Amaraa fi Tigray jiranis Oromoota waanta’aniif jara dhiistee essaatti foxxoqxa, akkasumas dantaa oromoo tiksuuf biyyaa abbootiin keenya bu’uressan kana bifa nuuf ta’uun ijaarree tiksuutu fala.

Inni arfaffaan, Itiyoopiyummaa fi eenyummaa waloo Afrikaati. Itiyoopiyummaan eenyummaa giddugaleessa malee eenyummaa isa dhumaa miti. Eenyummaan Oromoo inni dhumaa namooma fi uumama of keessatti qabachuudha. Anaaf Oromoon Mandii, Rayyaa  fi  Oromoon biyya Keeniyaa Marsabiit jiru tokkuma. Biyyaa garaagara qabaannnus eenyummaa tokko qabna. Kanaaf eenyuummaa waloo Afrikaa gara guddisuutti ce’uutu nu barbaachisa. Itiyoopiyummaa sabtokkee hanbisuuf pirojeektii ‘Eenyummaa Biyyaa Oromummaan Ijaaruu’ (New Nation Building Project) sadarkaa mootummaa naannootti hundeesuun barbachisadha. Eenyummaa biyyaa Oromummaan ijaaruun karaa jaalaalaa,  nagaa fi dimokiraatawaa ta’een malee humnaan jechuu miti. Kana gochuuf barbaadamummaa aadaa fi afaan Oromoo babaldhisuu, Dinaagdee Oromiyaa cimsuu, imaammata afaani sabdanessaa dhugomsu, fkn.

Inni shanaffan, Oromiyaa keessas haata’u akka guutuu biyyaatti ‘Civil Society,’ jabaa fi loogii irraa bilisa ta’e argachuun baay’ee ulfaata. Sababni isaas duuba isaanii dantaa siyaasaa dhokataa kan qabantu caala. Ijaarsa sirna dimookiraasiitiif akkasumas marii biyyoolessaaf bu’a qabeessaa dhugoomsuuf ‘Civil Society’tin baay’ee baay’ee barbaachisa. Sababni isaas ‘Civil Society,’tin gabaa fi siyaasa irraa bilisa ta’uun dantaa fi haqa hawaasaatiif hojjetu waanta’eef. Miidiyaanis akkasuma. Kanaaf Miidiyaa fi Civil Society,’ jabaa fi bilisa ta’ee akka naannoo Oromiyaatti qabaachuun barbaachisadha. Kana mootummaanis deeggarsa cimaa gochuu qaba.  

Horaa Bulaa Deebanaa!

Firaa’ol Abdiisaa (MA)

Yuniversiitii Amboo, Kaampaasii Walisootti Barsiisaa Siyaasaa fi Falaasamaa         

 

 

 

 

Afaan Oromoo

VISITOR COUNTER

website hit counter

NUU QUNNAMAA

  • Bilbilaa:-0115510155
  • Fax:-0115513642/0115519633
  • E-Mail:info@oromia.gov.et
  • Website:-www.oromia.gov.et
  • Postaa:-101769

Midiyaa Hawaasa

 

 

    Waa`ee Waajjira        Bulchiinsa        Diyaaspooraa        Daarektaroota       Oduu       Nuu Qunnamaa

    Copyright @2021 by Oromia President Office| www.oromia.gov.et