You are here

Suuraa adda addaa

Seensa:- Sirnoota darban keessa walitti dhufeenyii namootaa fi ummattoota akkasumas dhaaboota siyaasa adda addaa jidduu jiruu akka gaarii hin turre dhugaa jiruudha. Kuniis ummata Itoophiyaa hunda maraammartoo rakkoo siyaasaa keessa buuseera. Kana bu’ura godhachuun bakka bu’oonnii sabaa fi sablammoota biyyattii Sadaasa 8, 1995’tti Heera Mootummaa Federaalaawa Dimokraatawaa Itoophiyaa keessatti, baafata 4ffaa jalatti “seenaa walitti dhufeenya keenyaa akka malee tahe sirreessuudhaan (by rectifying historically unjust relationships) fi dhimma dantaa waloo keenyaa ol’kaasuudhaan galma waloo keenyaa ni geenya” jedhanii heera tumaniru. Seenaa akka maleetti seeneeffame sirreessuun kan danda’amuus marii biyyooleessaatiin akka tahe irra deddebi’amee dubbatamaa tureera.

Haa ta’uu malee Mootummaan waggaa 27’f biyya bulchaa ture dhimma kana cinatti gatuun biyyattiin rakkoo siyaasa walxaxaa keessa akka buusee ture yaadannoo yeroo gabaabaati. Rakkoolee siyaasaa Itiyoophiyaa mudatee turee fi mudataa jiru hundee irraa furuuf dhaboonni mit-mootummaa biyya keessa fi biyya alaa, hayyoonnii gara garaa fi hoggantoonni dhaaboota siyaasaa yeroo adda addaatti mariin biyyooleessaa barbaachisaa tahuu yaada dhiheessaa turaniiru. Jijjiirama bara 2018 booda, yaada heera mootummaa keessatti caqasamee fi yaadoota barbaachisummaa dhimma marii biyyooleessaa irratti ka’aa turee hubannoo keessa galchuun Mootummaan marii biyyooleessaatiif haala mijeessaa tureera. Yeroo ammaa marii biyyooleessaa kana akka qindeessaniif namoonnii 600 ol tahan ummataan eeramani isaan keessaa namoonni 11 hojii komishinicha akka qindeessan filatamanii hojii egalaniiru. Kanaafuu, marii biyyooleessaa keessatti dantaa fi gaheen Oromoo fi Oromiyaan qabdu adda baasnii irratti qophaahun dirqama.

  1. Dantaa Waloo Oromoo

Ummanni Oromoo rakkoo keessoo fi alaa bara dheeraaf Itoophyaa mudachaa ture qolachuuf gahee leencaa ummattoota taphatan keessaa adda dureedha. Haa ta’uu malee aadaa siyaasaa qaamoonni aangotti dhufan hordofaa turan irraa kan ka’e ummanni biyyichaa addatti immoo ummanni Oromoo rakkoo siyaasaa keessaa bahuu hin dandeenye. Rakkoo siyaasaa waloon ummata mudattees furuu kan dandeenyu  rakkichii ajandaa waloo yoo godhannee tokkummaan dhiima waloon dhabnee irratti xiyyeeffanneedha. Oromoon waan waliin dhabe malee waan irratti wal-dhabe hin qabu.  Maakmaaksa isaa keessattillee Oromoon: “warra wal nyaatu jalaa waa nyaatu” jedha. Kanaafuu, tokkummaan humna jedheeti safeeffata.

 

Bara addunyaan mandara tokko taatee kana keessatti faayidaa dhunfaatii fi aangoo siyaasaa qabachuuf qofaaf jedhamee ummata gandaan, lagaa fi amantaan qoqqooduun rakkoo ture keessaa nu baasuu mitii maraamartoo siyaasaa hamaa keessa akka nu galchuu danda’u hubachuun abshaalummaadha. Dhimma kanaan walqabatee kitaaba isaanii “Gaanfa Afrikaa Mana Hunda Keenyaa” jedhu keessatti Dooktarri Kabajaa Jaal Leencoo Lataa (2004), “Osoo rakkiinnii fi walitti bu’iinsi naannoo kee guutee jiruu kophatti ‘Odoola Nagaa fi Misoomaa’ tahuun hin danda’amu” jedhani tokkuumuun ummatoota gaanfa Afrikaa barbaachisaa akka tahe addeessu. Ummanni Oromoo Itoophiyaa bira darbee gaanfa Afrikaa keessatti nagaa waaraa ta’e mirkaneessu ummata danda’uudha. Sammuun Sirna Gadaa kalaqe sammuu nagaa fi tokkummaa qabdu turte.  Kanaafuu, dhaaboonni maqaa Oromootiin hundaa’an hundii gaaddisatti walgahanii dhimma dantaa waloo irratti marihachuu fi marii biyyooleessaa kan keessatti qooda fudhachuun dhimma filannoof dhiyaatu tahuu hin qabaatu.

  1. Gahee Oromoo fi Oromiyaa Marii Biyyooleessa Keessatti

Mariin biyyooleessaa jechuun waliigaltee akka biyyaatti dhimma waloo irratt rakkoo siyaasaa bara dheeraaf ummataa fi biyya mudachaa ture akkasumas walitti bu’iinsa uumamee ture  karaa nagaatiin hiikuuf marii godhamuudha. Haala taa’umsaa fi guddina isaa irraa kan ka’e ummanni Oromoo abbaa marii kanaa; Oromiyaan immoo caayaadha mariichaati yo jennee sobaa hin tahu. Mariin biyyooleessaa sadarkaalee sadii of keessaa qabaata. Isaaniis: 1ffaasadarkaa qophaa’inaa (preparation stage), 2ffaa saadarkaa marii (process stage) fi 3ffaasadarkaa itti bahiinsaa (implementation stage). Komishiniin filatame kuniis ajandaalee mariif ta’u filchuu irraa eegaluun hanag itti bahiinsaan keessaa bahutti karooraan adeema. Kanaafuu, shoorrii Oromoon sadarkaalee kanneen keessatti taphachuu qabu waloon foo’amee bu’aa walootiif msriicha irratti hirmaachuun itti gaafatamummaa seenaa jalaa nama baasa. Oromoon ummata guddaa, sirna Gadaa, aadaa, hooda, safuu, duudhaa, seenaa, dhaha ykn lakkoofsa yeroo (Kalaandarri), falaasama nagaa fi araaraa  qabuudha. Kanaafuu, bu’ayyaaleen (values) Oromoo kunneen biyya tana nagaa fi araaraan utubuu bira darbanii ummattoota gaanfa Afrikaa jiraniif furtuu rakkoo akka tahan irratti hojjachuuf yeroon amma.

  1. Gadaa fi Gaaddisa

Ummanni Oromoo hundeen isaa tokko; Gadaan isaatiis tokko, garuu haalli jiruu fi qubannaa adda adda. Ummanni Oromoo osoo biyyii Ameerikaa akka biyyaatti hin ijaaramin dimookraasii Gadaatiin wal buchaa, wal aangoomsaa fi ilaafi ilaameen dhimma keessoo isaa hiikkachaa ummata tureedha.  Hayyoonni waa’ee Sirna Gadaa irratti barreessan Gadaan hundee fi mallattoo Oromoo akka tahe; fi  Oromoo Gadaan malee;  Gadaa immoo Oromoon malee yaaduun akka hin danda’amne addeessan. Fakkenyyaf, Isheetuun (2001), ‘Gadaan daawwitii Oromoon keessatti of ilaaluudha’ jedha. Kana jechuun, Gadaan daawwiitii jiruufi jireenyi ummata Oromoo kan durii, kan ammaa akkasumas kan egeree ittiin ilaalame sirreefamuudha. Fakkeenyaaf, Sirnii Gadaa tuuta (Gadaa Parties) shan of keessaa qaba. Tuuttii Gadaa shananuu, akkaataa walitti aantuun Wal’aannaa fi Qadaadduu qabdi. Abbootiin ganama Gadaa kalaqan falaasama fi heera  Wal’aannaa fi Qadaadduu kana waldhabdee partiilee siyaasaa Oromoo jidduutti uumamuu danda’u  hambisuuf itti fayyadamaa turan. Akka heera kanaatti paartileen Sirna Gadaa ‘walittii aantii malee wal hin aatu; wal qadaaddii malee wal hin gaaddu’ jechuudha. Kanaafuu, dhaaboonni maqaa Oromootiin hunda’an cufti dhimma waloo Oromoo fo’anii marii biyyooleessaa kanaaf of qopheessu qabu.

Gara biraatiin Alamuun, (2012) immoo, ‘Gadaan Gaaddiisa Oromoo’ akka tahetti hiika laata. Gaaddisni immoo iddoo Oromoon waldhabdee keessoo isaa mariin itti hiikkatuudha. Gaafa rakkoo Oromoon hayyuu, buleessaa fi jaarsa qarsaati reebbata (waammata) akkasumas gaaddisatti yaa’eeti goohee rakkoo keessoo isaa furata malee; ‘akkasiin tahe jedhee hin boohuu ykn wal waraanuuf qawwee walitti hin kaasu’.  Oromoon ummata waadaan buluudha. Heera Odaa shananii kan Madda Walaabuu irratti tumamee keessatti Abbootiin kalee (Yaayyaan shanan): heera dhugaa ganamaa (heera namoomaa), heera caffee Oromoo (heera marii) fi heera kaka Oromoo (heera Oromoon Oromoo waraanuu dhoowwu) tumaniiti lafa nuuf kaahanii darban. Kanaaf, dhaaloonnii amma jiru hundi kana xiyyeeffannaa keessa galchuun Gaaddiisa mariitti wal gahuu qabu. Oromoon uumaa heera namoomaa akka tahe addunyaan kan bartu gaafa nutii waloomaan dhaabbanneedha.

  1. Falaasama Nagaa fi Araaraa

‘Nagaa fi Nageenyaa’ qajeeltoo Oromoon ofii isaa fi dhalanamaa hunda waliin, akkasumaas uumamaa fi uumaa waliin jiraachuuf dur irraa kaasee itti fayyadamaa tureedha. Hayyuun Charles jedhamu, dheerina baraa fi qabiyyee falaasama Nagaa Oromoo, falaasa nagaa biyya Masirii durii kan “Maat” jedhamuun wal bira qabee yommuu xinxaalu; ‘Nagaan Oromoo: waliin jireenya, tokkummaa, hariiroo, tasgabbii, madaala fi ittigaafatamummaa of keessatti hammata jechuun addeessa. Kanaan walqabatee, Tseggaa (2012) immoo barreeffama isaa keessatti falaasamni Nagaa Oromoo lubbu dhabeeyyii kanneen akka dhagaa fi qilleensaatifillee mirga nagaan jiraachuuti gonfachiisa jedha. Dabalataaniis, qorattoonnii Terefe and Waktole (2017) jedhamaniis aadaan nagaa Oromoo (Oromo culture of Peace) bineensi hamaalleen (beast) akka firoomu gochuu danda’a jedhu. Qornaannoon kun hundi Nagaan Oromoo waliin jireenyaa fi waloominaaf iddoo guddaa akka laatu addeessan. Kuniis kan tahuu danda’e walitti bu’iinsi dhabamee osoo hin taane araarri bu’ura Nagaa Oromoo waan ta’eefidha.

Kanaafuu, mariin biyyooleessaa kun ummata Oromootiif yaaddoo osoo hin taanee carraa dha. Sababnii isaatiis, marichi Oromoo waan sadiin fayyaduu danda’a: 1ffaa Seenaa akka maletti seeneeffamee fi afoola bakka maletti ijaarame marii kanaan sirreessuuf; 2ffaa bu’ayaalee Gadaa (Gadaa values) fi flaasama Nagaa Oromoo rakkoo siyaasa Itoophiyaa ittiin sirreessuu bira darbee  akka Ubuuntuun warra Afrikaa Kibbaatti adunya irratti beeksiisuudhaaf carraa guddaa uuma; 3ffaa Oromiyaan giddugaleessa biyyaa waan taateef caayaa marichaati. Qaamni dantaa Oromootifan qabsaa’a jedhu hundi marii biyyooleessaa kana akka carratti fudhatee of qopheessu qaba jechuudha.

  1. Guduunffaa

Dhaaboonni Oromoo hundii ummannii dhaaba siyaasaatiin ol akka tahe hubachuun gaaddisatti dhimma dantaa waloo Oromoo fo’anii mariif qophaa’uu qabu. Mariin kun Oromoof yaaddoo osoo hin taane carraa seenaa keessatti al-tokko qofa argamu tahuu isaa hubatamu qaba. Akkuma olitti ibsametti, mariin oromoof aadaa dha. Oromoon waan hunda Gadaa fi Gaaddisaan xummurata.  Hooggantoota siyaasaa Oromoo irraa kan eegamuus kanuma. Kanaafuu, akkuma Oromoon maakmaaksa isaa keessatti ‘Waliigalan Alaa Galan’ jedhuutti, marii biyyooleessa kana irratti hayyoonnii Oromoo bifaa bittinaa’een osoo hin taane bifa qidoomee fi waloomeen dhiyaachuun dirqama Oromummaati.

  1. Wabiilee

Alamuu yaadasaa (2012).Duudhaa Oromoo .Finfinnee:Mana Maxxansaa Alfaa.

Charles V. (2008). Comparing Oromo and ancient Egyptian philosophy; The Journal of Oromo

 Studies, 15 (2):1-40.

Gemetchu Megerssa (1993). Knowledge, identity and colonizing structure: The case of the

Oromo in east and northeast Africa. Ph.D. Diss.: University of London, School of Oriental and African Studies, London, Englad.

Leenco Lata (2004).The Horn of Africa as Common Homeland: The State and Self  

Determination in the Era of Heightened Globalization; Wilfrid Laurier University Press.

Tsega Etefa (2012). Integration and peace in eastern Africa; A history of the Oromo nation,

 Palgrave Macmillan® in the United States - a division of St. Martin‟s Press LLC

Terefe, M.  and Waktole, H. (2017). “The Role of Oromo Indigenous Knowledge in Disaster

 Management and Protection: the Case of Kuttaayee in Ambo District” International Journal of Multicultural and Multi Religious Understanding, 4(5):16-28.

 

 

 

Roba Peteros

LL.B, LL.M, Kaadhimamaa PhD Qorannoo Nagaa fi Misoomaatiin

Ynivarsitii Dire Dawa, Koolleejjii Seeraa

Phone: +251 911761278/ 937924872

Email: joyyechrist@gmail.com

Dire Dawa, Ethiopia

Bitooteessa 4, 2014

 

Afaan Oromoo

VISITOR COUNTER

website hit counter

NUU QUNNAMAA

  • Bilbilaa:-0115510155
  • Fax:-0115513642/0115519633
  • E-Mail:info@oromia.gov.et
  • Website:-www.oromia.gov.et
  • Postaa:-101769

Midiyaa Hawaasa

 

 

    Waa`ee Waajjira        Bulchiinsa        Diyaaspooraa        Daarektaroota       Oduu       Nuu Qunnamaa

    Copyright @2021 by Oromia President Office| www.oromia.gov.et