You are here

Suuraa adda addaa

Itoophiyaan biyyoota ijaarsii isaanii bu’uura irra rakkoo qabu keessa tokko. Akka Impaayeratti ijaaramte. Impaayerichii akkuma impaayerota biraa seenaa uummattoota hedduu, eennummaa, aadaafi maloota jireennaa hedduu balleesse. Mootummootni sirna Impaayeratin biyyattii ijjaarra jedhan humnatti amanaa waan turaniif gaaffii saboota, sabalammootaaf uummattoota biyyattii ukkaamsaa waan tureef biyyattiin yeroo garagaraatti raafamaa turte.

Sirnootni kanaan duraa ijaarsa biyya tana keessatti meeshaa waraanaa ormarraa (Minilik Xaaliyaan irraa) ergifachuurra eeggale haga bara mootii H/Sillaasee heera biyyaan bulchan kan bara 1931 orma irra (Meiji Constitution) fudhachuutti deemanii turan. Dargiin kufaatii H/Sillaasetiin booda dhufes falaasama uummata biyyaattii, amantii dabalatee, akka sirna boodatti hafaatti farajuun falasaamaa ormaa kan ‘Marxist-Leninist’ jedhuun biyya raasaa turte. Wayyaanen Dargiin booda biyya tana dhuunfattes yeroo keessaa fedhii biyyoota dhihaa guutuf haajijjiiramtuu malee bu’uura falaasama ofii Marxist-Leninistuma san irratti hundeessitee turte.

 Asirratti qabxiin gugurdoon lama hubatamuu qabdi. 1) Sirnootni duraan turan kun fedhii ofii galmaan ga’achuuf fedhii uummata ofii adoo hintaane fedhii Ormaatif ulaagaa gaafataman guutaa turan. H/Sillaasen Heera bara 1931 san fudhachuuf kan dirqame Mormii Musoloonii mo’achuuf Ulaagaa ‘League of Nation’ akka guutuf ture. Dargiin sababa gargaasaatif dhimmamee meeshalee waraanaa Raashiyaaf biyyoota Sooshalizimiin bulan irraa argachuuf “Marxist-Leninst” filate. Wayyaanen kufaatii humna Raashiyaa akkuma hubatteen gargaarsa biyyoota dhihaarraa argachuuf amalaaf yaadas jijjiirrattee fedhii uummata biyyattii adoo hintaanee fedhiif ormaa jalatti kufte. 2) Humnootni fedhii uummata ofii lakkisanii fedhii ormaatin hoogganaman kunneen sirnootaf falaasama bulchiinsaa isaanii alaa liqeefataaa turan. Walumaagalatti, Itoophiyaan haala armaan olitti ibsame kanaan bu’aa ba’ii hedduu keessa dabartee hanga dhihoo kana harka Wayyaanetti kufuu hunda geette.

Itoophiyaan sababa sirna Wayyaanetin qarqara kufaatiif diigamaa geette kun gateettii hooggansa Ilmaan abbaa Gadaa irratti kufte. Hooggansii Itoophiyaa diigamuuf qarqara irra geette san harka Wayyaaneetii baase kun biyyattii dandamachiisee itti fufsiisuf: 1) Fedhii ormaatti maxxanuu irraa bilisa ba’ee fedhiif yaada uummata biyyattii dhageefachuu filate. Sochiin “NOmore” jedhamu ejjannoo tanaaf ragaadha.  2) Yaadaaf Falaasama  alaa ergifachuu dhiisee falaasamuma bara dheeran dura uummatumaan kalaqametti cimsachuu filate. Falaasamnii “Ida’amuu” bu’aa ejjannoo tanaati. Bu’uurumarraayyuu filannoon fedhii uummataa dursuuf falaasama uummatichaatin biyya dandamachiisanii ijaaruu kun rakkoo Wayyaanen uumte qofa furuuf adoo hintaanee falaasamaaf Sirnoota Itoophiyaan bara Minilikirraa eeggaltee orma irraa liqeefachuun biyya kanaan raasaa turan hundaafuu furmaata akka ta’utti yaadame.

Falaasamni Ida’amuu kun yoo dhalatu wantootaaf Taatewaan seenaa Siyaasa Itoophiyaa keessatti hinyaadamin sadii qabatee dhufe. 1) Yaada Araaraf dhiifamatti labsame. Yaadni kun yoo labsamu wantoota kanaan dura sirnii Wayyaanee kutee gate, Ida’ama sirnaatif namummaa keessaa baasef daandii tokkummaa saaqe. Kunis, Jaalalaaf dhiifama labsuun namoota biyya keessatti sababa yaadatin, Ilaalchatin, eenyummaa isaanitin, Sababa amantaatin, hidhaman hiike. Kanaaf dhalachuu yaada araaraa kun walitti dhufuu namoota, Yaadota, Dhaabbileef amantaa sirnii Wayyaanee hirdhisee akka lakkuutti sadarkaa yaadatif Hujii qabatamaan walfaana dhalatan. 2)Falaasama “Ida’amuutti”  dhalate. Falaasamnii Ida’amuu yaada Rarra’a(Idealist) adoo hintaanee falaasama jiruuf jireennaa qabatamaaf bu’uura amalaaf qor-qalbii dhala namaa irratti xiyyeefachuun Itoophiyaa keessatti injifannoowwan siyaasaa fi diinagdee gaggaarii babal'isuu, dogongoroota raawwataman sirreessuu fi faayidaa fi fedhii dhaloota itti aanu milkeessuurratti fuullefatuudha. Falaasamnii kun yaada bu’uuraa kan "Namni uummama hawaasummaa kophaasaa jiraachuu hin dandeenne" jedhuf hubannaa bu’uuraa kan  ‘Dhalli namaa jiruuf-jireenna isaa keessatti deeggarsa nama biraa barbaada” jedhu gidduugala godhachuun dhimmootni siyaasaa, hawaasummaa fi diinagdee bifa wal-utubuuf hidhata qabuun walti-ida’uun badhaadhinna uummata biyyatti mirkaneessuu barbaada.  3. Yaada “Marii Biyyoolessaatti” dhufe. Sirnii Impaayeraa biyyoota hedduu keessatti nagaa buusuu akka hindandeenne hubatame. Seenan diigamsa impaayera Raashiyaa, Biyyoota Balkaanotaa, raafamnii Impaayera Yuunited Kiingdom, dhoo’insii biyyoota Arabaatif warraaqinsii Biyyoota Afrikaa hedduun sababoota kanarraa ka’a. Waraana Diilalla’aan(Cold War) booda Sababa raafama siyaasa adunyaatif  biyyootni hedduun akka furmaata waaratti kan ilaalaan “ Marii Biyyoolessaa” yoo ta’u Itoophiyaanis  jijjiiramaa asi barbaachisummaa Marii Biyyoollessa waan hubatteef adeemsa kanatti seente.

Itoophiyaa keessatti dhiibban sirnoota dabranii mufattoota gosa sadii dhale: 1) Humnoota nuuti Bilisummaa barbaanna jedhan. 2)  Leellistoota Sirna Impaayeraa: Gareen Kun Itoophiyaan sirna duraa kan aadaa, afaan, alaabaaf uummata tokkootin buluu qabdi jedhanii qabsoo isaanii bifa gargaraan geeggeessaa turan. 3). Leellistoota sirna Federaalizimii:  Gareen kun Itoophiyaan akka gaafilee gugurdoo afuriin(Gaaffii eenyummaa(afaan,aadaa,amantii), Gaaffii Seenaa, Gaaffii Abbabiyyummaa(Dinagdee,hiree ofii) fi Gaaffii aangoo(bakka bu’ummaa) raafamaa jirtuuf deebii argachuu qabdutti amana.

Mariin biyyoolessaa kun wanttoota/Yaadota kanneen walti araarsuuf marii akka biyyaatti yaadame. Mootummaan keenyas falaasamnii Ida’amuu kan galma ga’u karaa kanaan akka ta’e waan hubateef marii hunda hammataa, hirmaachisaaf jijjiirama bu’uuraa fidurratti qophii garagaraa jalqabe jira. Kanaaf, marii biyyoolessaa kun bifuma yaadameen akka galma ga’u kutaaleen hawaasaa hunduu hirmaannaa barbaachisu gochuu qaban. Mariin Biyyoolessaa akk milkaa’uf mariiwwan garagaraa sadarkaa hawaasaa hundatti adeemsifamuu qaban.

                       Guyyoo Dooyyoo

Gorsaa Olaanaa Presdent Mootummaa Naannoo Oromiyaa

Afaan Oromoo

VISITOR COUNTER

website hit counter

NUU QUNNAMAA

  • Bilbilaa:-0115510155
  • Fax:-0115513642/0115519633
  • E-Mail:info@oromia.gov.et
  • Website:-www.oromia.gov.et
  • Postaa:-101769

Midiyaa Hawaasa

 

 

    Waa`ee Waajjira        Bulchiinsa        Diyaaspooraa        Daarektaroota       Oduu       Nuu Qunnamaa

    Copyright @2021 by Oromia President Office| www.oromia.gov.et