You are here

Suuraa adda addaa

Ijaarsa Sirna Oromoon hundeeffama biyya Itiyoophiyaa baroota kumaatamaan lakka’aaman keessatti injiifanno galmeessise qabsoo walirraa hincinne keessa darbe eenyummaa fakkeenya Biyyaa fi Afrikaaf ta’u siyaasa fi bulchinsa  Sirna Gadaa, Hawaasa-dinagdee hammattummaa fi ida’aachuun masakamen as geenye. Har’as Oromoon sirna, duudhaa fi sona fakkeenyumma qabu kanaan rakkoleen boqonnaa qabsoo isa mudataa jiran akkamitti akka cee'u seenaa fi sirnaan bareechee beekaa.Boqonnaan qabsoo keessatti argamnu kun, madaalliif bifa kamiinuu addaa. Oromoon sirna darban keessatti injiifannoo akka biyyaaf eenyummaan isaan galmeeffaman akka yakkaatti yaadamaa seenaa injifannoo biyya utube qabu akka moolqamuu ta’e ture ifatti hubachaa, qaacceeffataa, deebisee dhuunfachaa biyya harkaa qabu ceessisuuf ciminaan hojjetaa jiru irratti argamnaa. Gama biraan sadarkaa qabsoo irra gaheenye kan keessatti uummanni keenyaa miidhaa fi miira seenaa kaleessa keessa kaa’uun feedhi murna fi dhunfaa isaaniif akka tolu gaadi’uuf yaalame fashaleessaa injifannoo sabaa fi biyyaa sirnaan utubamtee fi ititte ijaaruuf Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa yeroo kamu caalaa xiyyeeffanoon hojetaa jira. Qaamooleen kun feedhii issani raawwachiisuuf haaloota keessa jirruu dhaadhessuu fi dabsuun yeroo rakkatan gama biraan tokkummaa keessoo Oromoo cimaa ta’e akka hin ijaarranne fi sadarkaa qabsoo saba guddaa kana gitu qixeeffanne biyya harkaa qabnu hin ceesisnee uummataa fi mootummaa boqoonna dhoowwuun feedhi dullacha waliin dhama'uu. Hundaa ol, dhiibbaa alaa akka biyyaa baachuu qabnu keessatti kaayyoo hokkolaa Oromoof Oromiyaa hin gitneen uummata keenya burjaajeessuuf humna ijaarsa biyyaa akka hin taane darbees mootummaa wareegama qaaliin ijaarratteetti amantaa akka hin horanne hojiin hojjetamu ballaa dha. Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa humna dabaa fi shiraa kaayyoo sabaaf biyya irratti aggaamame fashleessaa uummanni haala keessa jirru eenyuu caalaa hubatu qabannee injiifannoo sadarkaa olaanaa galmeessisuun seenaa hin dhokanne ijaaru keenyaa itti fufna.
Barri kun bara jijjiirama heeddu itti galmeessa jiru fi itti milkeeffannu dha, gama tokkon uummanni keenya sirna mootummaa wareegama ijoollee isaan dhaaben hegaree kan isa bulchu kan itti filatu fi fullee seenaa fi sirna biyyaa ijaaruu keessatti gahee isaa itti murteeffatu dha. Gama biraan, boqonnaa yeroo itti aanuuf galma 'iyyummaa seenaa taasiisuf' hojjennu keessatti hojii qabinsa bishaan HGHI marsaan lammaffaaf itti qabannu dha. Kana gochuuf qabsoo keessoo fi alaan nugaafatu injiifannoon akka ceenuf BMNO amantaa gutuun ni hojjetaa.
Walumaa gala, hojiwwan xiyyeeffannoo BMNO sirna dinagdee ciimaa ta’e ijaaruu, Nageenyaa Oromiyaa haawwwata ta’e umuu fi gahee Oromoofi Oromiyaa ijaarsa sirna siyaasa biyyaa keessatti murna dabaan akka hin butamne eeguu fi sirna feederaala sabdabeessa, hunda-haammataa fi walqixxummaaf obbolummaa milkeessuun imaanaa uummanni keenya nutti keennee injiifannoo eegallee galamma gahuuf cimnee hojjennu ta’u irra deebi'een mirkaneessa.
 
Shiimallis Abdiisaa
Pirezidantii BMNO.

 

Afaan Oromoo

VISITOR COUNTER

website hit counter

NUU QUNNAMAA

  • Bilbilaa:-0115510155
  • Fax:-0115513642/0115519633
  • E-Mail:info@oromia.gov.et
  • Website:-www.oromia.gov.et
  • Postaa:-101769

Midiyaa Hawaasa

 

 

    Waa`ee Waajjira        Bulchiinsa        Diyaaspooraa        Daarektaroota       Oduu       Nuu Qunnamaa

    Copyright @2021 by Oromia President Office| www.oromia.gov.et