Waggaa sadeessoo sanyii Waldaa Qorannoo Oromoo (WQO) facaafnetti kitaabilee bu'uuraa torba eebbisuuf har'a walgahuu keenyatti heddun gammada

  • 29 Sep 2025
  • Posted by oromiapre_ulpro
  • 0 Comments

Waggaa sadeessoo sanyii Waldaa Qorannoo Oromoo (WQO) facaafnetti kitaabilee bu'uuraa torba eebbisuuf har'a walgahuu keenyatti heddun gammada. Yeroo sanatti hawwii WQO’n qorannoo bu'uuraafi toorawwan baldhaa uwwisu gaggeessee qaawwa gama kanaan jiru guutuu irratti  mandhee beekumsaa amanamaa akka ta'u qabnu maxxansa kitaabilee kanniinin lafa qabsiisuu jalqabeera.

Kitaabileen har’a eebbifaman, seenaa Finfinnee, gadifageenya bulchiinsa sirna Gadaa, maddoota maxxansaalee qorannoo Oromoo, ulfinaafi hudhaalee imala qorannoo Oromoo, bulchiinsa Gadaafi seera Caffee Oromoo irratti kan xiyyeeffatanidha. Matadureewwan kaasan yemmuu ilaallu, boqonnaawwan dhaala (heritage) keenyaa murteessoo ta’an saaquu irratti furtuulee ofeeggannoo cimaan bocaman ta’uu hubachuuf nama hindhibu. Tokkoon tokkoon isaanii, daba seenaa fuuldura dhaabbachuuf, seenaa dogoggoraa sororsuuf, akkasumas seenessi keenya dhugeeffamummaa (authenticity)'fi kabaja maluuf waliin akka himamu humna guddaa kan ta’anidha.

Wqo’n toorawwan qorannoo isaa itti fufiinsaan baldhisuun, dameewwan armaan dura uwwisa gahaa ykn guutumatti uwwisa hinarganne sakatta’uun qoratee ifatti baasuu irratti cimuu qaba. Hojiin omisha beekumsaa kunis, kaleessa keenya hubachiisuu, har'a keenya sakatta'uufi qeequu, akkasumas egeree keenya raagufi akeekuu karaa giddugaleeffateen adeemuu kan qabudha. Kanaanis, daba sammuu dhalootaarratti hojjatame maqsuu qofa osoo hintaane saayinsiifi teknolojiif qopheessuu irrattis gahee olaanaan akka irraa eegamu yaadachuu qaba.

Waldaan Qorannoo Oromoo ulaagaalee, seerafi duudhaawwan qorannoo kabajuun amanamummaa isaa gabbisaa deemuu barbaachisa. Hundaa’ol, adeemsa deebii kennuu (reactive) irraa bahaa, yaa’insa seenessaa qajeelchuuf yaaliin (dursa fudhachuuf) taasisaa jiru kun, imala hayyummaa bilisaafi cimaa hawaasa keenyaaf malu waan ta’eef, finiinee itti fufuu kan qabu ta’uu carraa kanaan hubachiisuun barbaada.

Gama biraan, hayyoonni hangafaa, har'a keenya kaleessa ijaaran, Sheek Bakrii Saaphaloofi Hayilee Fidaa, sagantaa kanarratti beekamtii argachuun isaanii gammachuu keenya dachaa taasiseera. Carraa kanaan,  Mootummaan Naannoo Oromiyaa maatii hayyoota lamaanitiif birrii mil. shan-shan kan kennu ta'uu asumaan ibsuun barbaada.

WQO, maxxansaalee kanniinin, jalqabbii jabaa bu'uuresseera. Jalqabbii kana kaka’umsa olaanaan akka gabbisu, dhaloota qorattoota haaraa akka umu, joornaalii cimaan akka utubuufi qorannoo Afrikaa keessatti dhaabbata  adda duree ta’ee bahuu akka danda'u amantaa guutuun qaba. Mootummaan Naannoo Oromiyaa gama isaatiin, baasii maxxansaalee dabalatee karaa barbaachisu hundaan kan bira dhaabbatu ta'uu kanan mirkaneessu ta'a. Hojii kana milkeessuu keessatti, miseensonni boordii, hayyoonni, beektonni, qorattoonniifi qaamoleen qooda fudhattan hundi, gumaachaa egeree ummata keenyaa qajeelchuuf taasiftaniif, maqaa kiyyaafi maqaa Mootummaa Naannoo Oromiyaatiin galatoomaa jechuun barbaada.  

Dhumarrattis, qorannoon Oromoo jalqabbiirra kan jiruufi, hojiin baldhaan fuuldura keenyatti kan hafu ta'uu yaadachiisaa, kutannoo hinreeqqifneefi uwwisa hammataan akka sochoonu imaanaa isinitti kennuun barbaada.