Waajjirri Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa, Daree Ismaarti Kominikeeshinii Eebbisiise
Waajjirichi, daree kana, Tarsiimoo Dijiitaal Itoophiyaa 2025 hordofuun, Ministeera Inooveeshiniifi Teknoolojii Itoophiyaatiin kan hojjisiise yoota’u, faayidaawwan hedduu akka argamsiisuuf himameera.
Ministirri Inooveeshiniifi Teknoolojii, Ballaxaa Mollaa (PhD) gama isaaniitiin, Tarsiimoo Dijitaal Itoophiyaa 2025 karoorfame keessaa tokko, ijaarsa misooma bu'uralee Ismaart Kominikeeshinii akka ta'ee eerun, galmicha milkeessuuf, hojiileen hoggansa naannoolee, magaalootaafi dhaabbilee federaalaatiin hojjataman kan nama jajjabeessan ta'uu ibsaniiru. Dabalataaniis, faasilitiiwwan ijaaraman hojiirra oolanii bu'aa yaadame argamsiisuu akka qaban kaasuun, hojii Ismaart Kominikeeshinii babal'isuun, Tarsimoon Dijiitaal Itoophiyaa 2030 cimee kan itti fufuufi tajaajila hunda teknoolojiidhaan ummataaf dhaqabamaa taasisuuf akka hojjatamu himaniiru.
Sirna eebba kana irratti argamuun haasaa kan taasisan Mana Maree Bakka Bu'oota Ummataatti walitti qabaan Koree Dhaabbii Dhimmoota Bobbii Humna Namaafi Teknoolojii, Nagarii Leencoo (PhD), piroojektichi fageenyan osoo hindaanga’in, dhimma biyyaalessaa irratti waliin mari'achuufi murtoo dabarsuuf akka gargaaru himuun, iddoowwan hinqaqabnee keessattis ariitiin hojiirra oolu akka qabu dhaamaniiru.
Gama Waajjira Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaatiin, gorsaafi bakka bu'aa Itti Gaafatamaa waajjirichaa kan taa'an, Obbo Taarraqagn Adimaasuu gama isaanitiin, ijaarsa Daree Ismaart Kominikeeshinichaaf, Ministeera Inooveeshiniifi Teknoolojii kan galateeffatan yoota’u, kaka'uumsa raawwii kanaan umameen, Waajjirichi Dareewwan Ismaarti Kominikeeshinii dabalataa hojjisiisuuf karoorfachuu ifoomsaniiru.
Abbaa Taayitaa Saayinsiifi Teknoolojii Oromiyaa pirojaktii kanaa hordofuun deeggarsa taasisaa kan ture yoota'u, sirna eebbaa kana irrattis Itti Aanaa Hogganaa Abbaa Taayitichaa kan taa'an Obbo Jimaa Tulluu argamaniiru.
Ministeerri Inooveeshiniifi Teknoolojii deeggarsa maallaqaa Baankii Addunyaatiin, WPMNO dabalatee, Dareewwan Ismaart Kominikeeshinii 24 manneen hojii federaalaa, bulchiinsa magaalootaafi naannoolee biiroof ijaaree guyyaa har’aa eebbisiisera.