Sirna beekamtiifi badhaasaa Ol'aanaa Pirezidaantaawaa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Marsaa 4ffaan gaggeeffame.

  • 17 Jul 2025
  • Posted by oromiapre_ulpro
  • 0 Comments
Sirna beekamtiifi badhaasaa Ol'aanaa Pirezidaantaawaa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Marsaa 4ffaan gaggeeffame.
 
Sagantaan kun Magaalaa Adaamaa Galma Abbaa Gadaatti xumura waltajjii gamaggama raawwii hojii bara 2017fi boqonnaa qophii karoora bara 2018 irratti yoota'u, Biirooleen, Godinaaleefi Aanaaleen akkasumas, gandoonni raawwii hojii bara 2017 ol'aanaa qaban badhaafamaniiru. 
 
Bu'uuruma qabxiin madaallii raawwii hojii inisheetiiviiwwanii, fayyadama galteewwanii, adeemsa, jijjiirama gama nageenya, misooma, tajaajilaafi fayyadamummaa ummataatiin galmeessan, akkasumas raawwii kallattiilee hojii qulqullina, ariitii, baay'inaafi yeroon xumuruu bu'uureffachuun kan gaggeeffamanidha. Kanaanis Biirolee, Godinaalee, Magaalota, Aanaaleefi Gandoota magaalaafi baadiyyaa Naannoo Oromiyaa raawwii hojii bara 2017 ol'aanaa galmeessaniif badhaasni Pirezidaantawaa kennameera.
 
Bu’uuruma madaalli raawwii hojii bara 2017 tiin:- 
Badhaasa Magaalotaatiin
Sadarkaa Warqee - Magaalaa Adaamaa
Sadarkaa Meetii - Magaalaa Bishooftuu
Sadarkaa Nahaasaa - Magaalaa Jimmaa
 
Badhaasa Godinaaleetiin
Sadarkaa Warqee - Godina Arsii Lixaa
 Sadarkaa Meetii - Godina Jimmaa
Sadarkaa Nahaasaa - Godina Shawaa Bahaa
 
Sektaroota Naannoo irraa 
Sadarkaa Warqee - Biiroo Galiiwwan Oromiyaa
Sadarkaa Meetii - Biiroo Fayyaa Oromiyaa
Sadarkaa Naasaa -Biiroo Abbaa Alangaa Waliigala Oromiyaa, ta'uun beekamtiifi badhaasa argatanii jiru.
 
Dabalataaniis Gandoonni baadiyyaa 21, gandoonni magaalaa 19, akkasumas aanaaleen 21 raawwii hojii misoomaa, tajaajilaafi nageenyaa olaanaa galmeessaan beekamtiifi badhaasa Pirezidaantawaa marsaa 4ffaa argataniiru.
 
Badhaasni kun Biirooleen, Godinoonni, Magaalonni, Aanaaleefi Gandoonni caalatti raawwii ol'aanaa akka argamsiisaaniif kan onnachiisuufi kanneen hafaniif immoo miiraa xiiqii umuudhaan akka kaka’umsa argatan kan isaan taasisuudha. 
 
Akkasumas, badhaasichi milkaa'inoota raawwii hojii bara 2017'tiin isaan adda duree ta'aniif kan kennameedha.