Pirezidaanti Shimallis Abdiisaa, kora nageenyaa dargaggoota kutaalee Oromiyaa garaagaraa irraa walitti dhufuun guyyoota lamaan darbaniif gaggeefamaa ture irratti argamuun ergaa dabarsan.

  • 04 Apr 2026
  • Posted by oromiapre_ulpro
  • 0 Comments
Pirezidaanti Shimallis Abdiisaa, kora nageenyaa dargaggoota kutaalee Oromiyaa garaagaraa irraa walitti dhufuun guyyoota lamaan darbaniif gaggeefamaa ture irratti argamuun ergaa dabarsan.
Korichi Magaalaa Bishooftuutti guyyoota lamaaf kan gaggeeffame yoota'u, ergaa ijoo “Wal-ajjeechaan Obboleewwanii Haa Dhaabbatu; Nageenyi Waaraan Fulla’insaan Haa Mirkanaa’u!” jedhuun kan qophaa'eedha. Turtii kanarras akeeki guddaa korichaa sagalee qawwee calliseen wal-ajjeechaa obboleewwanii dhaabuun boqonnaa nageenyaafi tasgabbii haaraa guutuu Oromiyaatti mirkaneessuu kan qabudhas.
Pirezidaantii MNO, Obbo Shimallis Abdiisaa kora kanarratti argamuun gaaffilee Gamtaa Qeerroo fi Qarree Oromoo ka’an irratti ibsa kennaniin, Gamtaan Qeerroo Dargaggoo Oromoo Sagaleen qawwee qe'ee Oromoo irraa callisee nagaan akka waara'uuf sochiin eegale kun seenaa keessatti kan yaadatamu ta’uu ibsuun boqonnaan qabsoo Oromoo boqonnaa wal ajieessuu cufee qabsicha gara gulantaa itti aanutti ceesisuu qaba jedhan. Itti dabaluunis, boqonnaa qabsoo har'a irra geenyeen Sabboonummaa Oromoo diinagdee, barnootaa fi teekinoloojiin utubuu, akkasumas sirna ummataawaa ijaaruun gulantaa haaraatti ceesisuuf qeerroofi qarreen Oromoo hojjechuu akka qabus jabeessanii dhaaman. #oromiapresidentoffice2026 #Nageenya