Pirezidaanti Shimallis Abdiisaa, kallattii gamaaggamni Raawwii Hojii bara 2017 fi boqonnaa qophii karooraa bara 2018 ittigaggeeffamu kaa'an.
Pirezidaanti Shimallis Abdiisaa, kallattii gamaaggamni Raawwii Hojii bara 2017 fi boqonnaa qophii karooraa bara 2018 ittigaggeeffamu kaa'an.
Gamaggamni Raawwii Hojii Paartiifi Mootummaa Kurmaana 4ffaa Bara 2017 fi boqonnaa qophii bara 2018, Mootummaa Naannoo Oromiyaa bakka hoggansi sadarkaan jiran argamanitti gaggeeffamuu eegale. Waltajjii Magaalaa Adaamaa, Galma Abbaa Gadaatti taa'amaa jiru kanarratti, Kabajamoo Pirezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa, argamuun kallattii guyyoota sadan ittifufaniif qorannoon itti ta'u kaa'anii jiru.
Pirezidaanti Shimallis Abdisaa kallattii gamaggamichaa kennaniin barri 2017 ergamoonni hedduu abdii namatti horan kan itti raawwataman ta'uu eeran. Injifannoowwan ta'an keessaa tokko mootummaan tarkaanfii cimaa fudhachuun caasaa gandaa haaraa lafa qabsiisuun ummanni tajaajila mootummaa dhiyeenyaan akka argatu bara itti taasifame ta'uu himan.
Raawwilee argamaniin milkaa'inoonni hedduu jiranis, karoora xiiqiifi fedhii jiru wajjiin wal bira qabamee yoo ilaalamu raawwiin jiru harcaatii kan qabu ta'uus dubbatanii jiru. Itti dabaluunis, Pirezidaanti Shimallis Abdiisaa gamaggama kanaan gufuuwwanifi qormaatilee harcaatiwwan hojii turanii gadifageenyaan qorachuun, karoora fulduratti maqsuuf xiyyeeffannoon ilaalamu akka qabu kallattii kaa'aniiru.
Ittigaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaa Obbo Kaffaalaw Tafarraa gamasaanitiin barri 2017 roga hundaan milkaa'inoota hedduu kan itti galmaa'eefi injifannoowwan hedduu milkeessudhaaf sochiin kan itti taasifameefi bu'aawwan abdachiisaa bara itti galmaa'e ta'uu dubbataniiru.
Itti dabaluunis, tokkummaan keessoo paartichaa cimaa dhufuu kaasuun, mootummaa cimaa dhugoomsuuf paartii cimaa ijaaruuf jalqabbiin hojiiwwan gaariin raawwatamus eeraniiru.