Pirezidaanti Shimallis Abdiisaa, hiriirri deeggarsaa xumuramuu Hidha Haaromsaa Guddicha Itiyoophiyaa sababeeffachuun guyyaa har’aa guutummaa naannichaatti geggeeffamaa ooleef galata dhiyeessan.

  • 23 Sep 2025
  • Posted by oromiapre_ulpro
  • 0 Comments

Pirezidaanti Shimallis Abdiisaa, hiriirri deeggarsaa xumuramuu Hidha Haaromsaa Guddicha Itiyoophiyaa sababeeffachuun guyyaa har’aa guutummaa naannichaatti geggeeffamaa ooleef  galata dhiyeessan.

Pirezidaanti Shimallis ummanni naannichaa xiiqiifi irree tokkoomeen tumsa barbaachisu hunda taasisuun, ijaarsa Hidha Haaromsaa Guddicha Itiyoophiyaa milkeessee gama tokkoon ilaalcha hindanda’amu jedhu diiguu, gama kaaniin ashaaraa dhaloota haaraa kaa'uu himan. Injifannichi copha dafqaafi dhiigaan galmaa'e kun, Aduwaa lammeessoo seenaafi seeneffama gootummaa gurraachotaa irra deebiin biyya keenya goonfachiise ta'uu kunis seenaa shira kamiinuu dukkaneeffamuufi haqamuu hindandeenye ta’uu dubbatan Obbo Shimallis.

Hidhi Haaromsaa Guddichi, hoggansa tarsiima’aa Looreeta Nagaa Addunyaa, Muummicha Ministiraa keenya Abiyyi Ahimad (PhD) kennaniifi aarsaa qaalii ummanni keenya ittifufiinsaan kaffaleen

qormaata keessoofi idil-addunyaa bu’a bahii hedduu qabu darbee boqonnaa seenessa dulloomaa siyaasa bishaanii gaanfa Afriikaa guutummaatti kan jijjiire ta’uu eeran Pirezidaanti Shimallis. Injifannoo ummanniifi hoggansi keenya milkeesse kanatti boonuu kan himan Obbo Shimallis, irreen injifannoo raajii kana galmeesse, aarsaa jaalalaafi kabaja biyyaaf kaffalame, faajjii birmadummaafi bilisummaa ta’ee yeroo hunda olka’ee leellifamaafi yaadatamaa akka jiraatu ibsan.

Hiriirri guyyaa har’a xumuramu Hidha Haaromsaa Guddicha hordofee guutummaa Naannoo Oromiyaatti gaggeeffame kun, diinaafis firaafis erga murteessaa kan dabarsu akka ta’e kan himan yoota’u, diinoonni dhaabbataan guddinaafi olka’iinsa biyya keenya arguus dhaga’uus hinbarbaanne, darbees danquu irratti bobba'an, dambalii ummataa kanaan qalbiin akka cabu kaasaniiru.

Walumaagalatti, ummanni keenya garaagarummaa ilaalchaa qabu bukkeetti dhiisuun, irree tokkummaasaa ammas irra deebiin waan mirkaneesseef Mootummaan Naannoo Oromiyaa kabajaafi ulfina ol’aanaa qabuuf kan dhiyeessu ta’u dubbatan Pirezidaanti Shimallis.