Oromiyaa Kaartaa Turiizimii Itiyoophiyaarratti: Xiyyeeffannoo Mootummaa Jijjiiramaa

  • 01 Sep 2025
  • Posted by oromiapre_ulpro
  • 0 Comments

Oromiyaa Kaartaa Turiizimii Itiyoophiyaarratti: Xiyyeeffannoo Mootummaa Jijjiiramaa

Turizimiin dameewwan dinagdee gooroo shanan Mootummaa Jijjiiramaatiin xiyyeeffannoo addaa argatan keessaa isa tokkoodha. Mootummaan dilbiiwwan gosoota turizimii sadan: seenaa, aadaafi umamaa Naannoon Oromiyaa qabu sirnaan misoomsuufi qixa barbaadamuun beeksisuu irratti sochiiwwan gurguddoon taasifamaniiru.

Yaadafi xiyyeeffannoo Hoggansa Jijjiiramaatiin, hanga ammaatti tarkaanfii fudhatameen, dilbiiwwan umamaafi namtolchee Oromiyaan qabu, dhokatanii turan akka muldhatan gochuun danda' ameera.

Bu'uuruma kanaan, hojiin xiyyeeffannoo dhabuufi ilaalcha dabaa seektera turizimii Oromiyaarra ture hundeerraa jijjiiru baldhinaan hojjatameera.  Kanaanis qabeenya kiliyaa aadaafi nam-tolchee, qabeenya umamaa kunuunsuu, misoomsuufi beeksisuu, akkasumas bu'uuraalee misoomaa hojjachuufi misooma gabaa irratti hojii baldhaan hojjatameera; hojjatamaas jira.

Seekterri turizimii dadammaqiinsaafi gabaa biyya keessaafi alaa bal'inaan argachaa jira. Kanaanis, Oromiyaan wiirtuu gahumsa turistootaafi Invastaroota ta'uun, eebba naannichaarraa gama dinagdeen fayyadamuu qofa osoo hintaane, maqaa gaarii naannichaafi biyyaa, addunyaatti beeksisuurratti daandii dheeraa deemuun danda'ameera.

Akka waliigalaatti, Mootummaan Jijjiiramaa Naannoo Oromiyaa jalqabbiiwwaniifi hojiiwwan hojjatamaa jiran caalmaatti cimsuuf xiyyeeffannoo olaanaan kan hojjatu yoota'u, kana taasisuun, carraa hojiifi madda galii bal'aa umuun fayyadamummaa ummata naannichaa mirkaneessuufi humna dinagdee guddaa taasisuuf kan hojjatu ta'a. Hundaa’ol, poteenshaala Oromiyaan gama kanaan qabu qoratee baasuu, beeksisuu, bu'uuraalee misoomaafi haala mijaawaa umuun hojiiwwan ijoo mootummaan qabatee xiyyeeffannoon irratti hojjatuudha