Oromia President Office: Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (PhD) Sagantaa Ashaaraa Magariisaa bara 2017 Konveenshinii idil addunyaa Addisitti eegalchiisan.

  • 14 Jul 2025
  • Posted by oromiapre_ulpro
  • 0 Comments

Oromia President Office:

Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (PhD) Sagantaa Ashaaraa Magariisaa bara 2017 Konveenshinii idil addunyaa Addisitti eegalchiisan.

 

Sagantaa baranaa dhaadannoo "Dhaabudhaan Bayyanachuu" jedhuun kan gaggeeffamu yoota'u, Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa dabalatee aangaa'onniifi keessummoonni biyya keessafi alaa gara garaa argamaniiru.

Sagantaan Ashaaraa Magariisaa waggoota torba dura bara 2010 Ministira Muummee Abiyyi Ahimad(PhD)’n erga eegalee as biqiltuu bil. 40 ol dhaabameera. Raawwiin kun uwwisa bosonaa biyya keenyaa dabaluu cinaatti, gama wabii nyaataa mirkaneessufi al-ergii dabaluutiin gumaacha guddaa taasisuu irratti argama.

Jilli Pirezidaantii Itti Aanaa Biyya Naayijeeriyaa Kaashiim Shettimaa, Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa, Ministira Ministeera Dhimma Haajaa Aaa Geediyoon Xiimootiyoos (PhD) akkasumas hooggantoota mootummaa federaalaafi naannoo hammate daawwannaa isaa ittifufuun buufata Biqiltuu Avokaadoo Lumeefi Giddugala Horsiisa Lukkuu Moojoo daawwateera. Mootummaan Naannoo Oromiyaa, bara 2012 Labsii Ada'aatiin Inisheetivii Avokaadoo al-ergii irratti xiyyeeffatu erga labsee as, sharafa biyyi keenya al-ergii irraa argattu akka dabalu taasisuu cinaatti qonnaan bultoonnifi dargaggoonni hedduun gara invastimantiitti ce'uun hojii qonnaa cinaatti carraalee sektara biroo keessatti argaman irratti akka bobba'an dandeessisuu irratti argama. Dabalataanis, hojii kilaastara magaalaa waggoota lamaa as baldhinaan raawwachaa jiruun magaalonni gama omishaafi humna dinagdee ta'uutti akka ce'an taasisuu irratti argama.

Jilli Pirezidaantii Itti Aanaa Biyya Naayijeeriyaa Kaashiim Shettimaa, Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa, Ministira Ministeera Haajaa Alaa Geediyoon Xiimootiyoos (PhD) akkasumas hooggantoota mootummaa federaalaafi naannoo hammate daawwannaa isaa ittifufuun Magaalaa  Bishooftuutti argamuun omishaalee kuduraa al-ergiif qophaa'an daawwatan.

 

Mootummaan Naannoo Oromiyaa galmoota misooma qonnaan qabaman milkeessuun, omishaalee sadarkaa idil-addunyaatti al-ergiif dorgomaa ta'an qulqullina olaanaan, baay'inaafi ariitiin omishuun fayyadamummaa ummata keenyaa mirkaneessuuf irratti argama. Dabalataanis omishaalee kanneen erguurraa, dhawaata dhawaataan gara kurfeessutti (processing) ce'uuf hojjechaa jira.

 

Sagantaan Ashaaraa Magariisaa bara 2017 akka biyyaatti dhaadannoo "Dhaabuudhaan Bayyanachuu" jedhuun  gaggeeffama. Akka Naannoo Naannoo Oromiyaatti Waxabajjii 24 ifatti kan eegalamu yoota'u, waggoota jahan darban akka naannichaatti biqiltuu bil. 23.4 lafa hekt. mil. 5.8 irra kan dhaabateera.  Biqiloota dhaabaman keessaa %84.5 latuun

galmoonni inisheetivii kanaan qabaman dhiqama biyyee ittisuu, wabii nyaataa mirkaneessuu, dhiibbaa jijjiirama qilleensaa damdamachuu, iddoowwan bosonni irraa manca'an deebisanii bosonoomsuufi madaala umamaa eeguu dandii milkaa'ina qabachaa jiru.

Bara kanas Sagantaa Ashaaraa Magariisaa baldhinaan ittifufsiisuuf, Naannoo Oromiyaatti amma yoonaatti biqiltuu bil. 5.3 lafa hekt. mil. 1.1 irratti dhaabuuf haalduree hundi xummuramee jira. Dhaabbii biqiltuu kanarrattis namoonni mil. 14.7 nihirmaatu jedhamee eegama.

Gama birootiin, biqiltuu waliigalaa qophaa’e keessaa %11 biqiloota nyaataaf oolan yemmuu ta'an, kunis wabii nyaataa mirkaneessuufi carraa hojii umuuf gahee olaanaa qaba.

Ashaaraa Magariisaa: Gaaddisa Dhalootaa!

Sagantaan Ashaaraa Magariisaa bara 2017, subii irraa eegalee guutuu Naannoo Oromiyaatti gaggeeffamaa jira. Godina Shawaa Kibba Lixaa Aanaa Wancii, Tulluu Sonqollee irratti bakka Obbo Addisuu Araggaa, Sadarkaa Ittaanaa Pirezidaantii MNO'tti, Qindeessaa Kilaastara Baadiyyaa argamanitti dhaabbii biqiltuu gaggeeffameera.

Akka Naannoo Keenyaatti tumsa hawaasa baadiyyaafi magalaatiin ganna kana biqiltuu biiliyoona 5 dhaabuuf karoorfamee itti galameera.

Biqiltuuwwan barana dhaabaman kanneen nyaataaf oolan, dhiqama biyyeefi bishaanii ittisan waan ta'eef, dhala namaafi lubbu qabeeyyii lafarra jiraniif, investimentii waloodha.

Sagantaa bara kanaa adda kan taasisu gandoota hunda keessattis, bosonni "Gaaddisa Dhalootaa" hundaa'uun kan kunuunfamu ta'uu isaati.

Iddoo sirriitti, yeroo sirriitti, sababa sirriin, biqilaa sirrii dhaabnee, dhalootaaf gaaddisa haa'umnu.

Daawwannaa hojiilee misoomaaf Godina Boranaatti kan argamu jilli Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdisaatiin durfamu Wiirtuu Gabaa Horii Walitti qabuufi Nyaata Horii Dubluq ilaalee jira.

Wiirtuu kana keessatti, loon, gaala, re'eefi hoolaa waliitti qabamuun furdiisa loon, tajaajila fayyaa beeyladaa kan ittiin keennamu yoota'u, bakka waliitti hidhamiinsa gabaa beeyladaa ta'uuniis hawaasa horsisee bulaa godinichaa tajaajilaa jira. #oromiapresidentoffice2025

Qaama Pirojeektii Networkii Bishaan Booranaa kan ta’ee bishaan Billiqqoo, jila Pirezidaanti MNO Obbo Shimallis Abdiisaan durfamuun daawwatame.

Hojiin piroojaktii bishaanii kanaa ijaarsi isaa waligalaan %95 irraa kan jiru yoota'u, fandiin ijaarsa piroojaktii kanaa Baankii misoomaa Afrikaarra kan argameedha. Pirojeektiin kun yeroo ijaarsi isaa xumuramutti ummataa 25,000 fayyadamaa kan taasisudha.

Walumaagalatti ijaarsi pirojeektii kanaa yeroo ji'a tokko hin caalleetti xumuramee akka tajaajilaaf banaa ta’uus eeramee jira.