Muummee Ministiraa FDRE Abiyyi Ahimad (PhD) kitaaba isaanii afraffaa mata duree “Mootummaa Ida’aamu” jedhuun barreessan guyyaa kaleessaa eebbifamuun isaa niyaadatama. Kitaabni yeroo qaalii qaban irraa hambisuun gumaachan kun toorawwan yaadota ijoo afur bu

  • 23 Sep 2025
  • Posted by oromiapre_ulpro
  • 0 Comments

Muummee Ministiraa FDRE Abiyyi Ahimad (PhD) kitaaba isaanii afraffaa mata duree “Mootummaa Ida’aamu” jedhuun barreessan guyyaa kaleessaa eebbifamuun isaa niyaadatama. Kitaabni yeroo qaalii qaban irraa hambisuun gumaachan kun toorawwan yaadota ijoo afur bu’uureffachuun kan qopha’edha.

Yaanni dursoo kitaabichaa "Ka’uumsa" kan ilaallatudha. "Ka’uumsi keenya maal ture?" jechuun gaaffiidhaan eegala kitaabichi. Kana gaafachuufis ka’uumsa kan ta'e, gaabbiidha. "Itiyoophiyaan maaliif hiyyoomte? Maaliif deeggaramtuu taate? Hirkattummaan ishee maalirraa madda? Itiyoophiyaan carraawwaniifi seenaawwan gurguddoo hedduu osoo qabduu maaliif duubatti hafte?" gaaffiillee jedhaniin eegalee akeeka kaa’uuf yaala. Yaanni kitaaba “Mootummaa Ida’aamuu” gaabbii guddina dinagdeefi badhaadhinaa hundagaleessa mirkaneessuu dhabuu irraa kan maddu jechuu dandeenya.

Roga birootiin, rakkooleen kunneen kan dhalatan, darbees kan ittifufan, gaaffilee gaafachuu dhabuurraa osoo hintaane, gaaffiilee sirrii kaasuu dhabuurraa ta'uu hubachiisa "Mootummaan Ida'amuu". Deebiin ilmoo/gaaffiiti. Gaaffileen keenya dogoggoora taanaan, deebiin keenya sirrii ta'uu hindanda'u. Kuni ammoo gaaffiin sirrii kamuu deebii sirrii qabaachuu; dogoggorru nama tokko, gaaffii irraa malee deebii irraa kan hinmaddine ta'uu kan nuhubachiisudha.

Akka yaadama "Mootummaa Ida’aamuu"tti imalli keenya kaleessaa ciminoota jiran ittifufsiisaa, qaawwota turan duuchaafi hanqinoota jiran guutaa deemuurra diiguurratti kan xiyyeeffate sababa kanaanidha. Isa kanaan ammoo badii caalu malee badhaadhina dhugoomsuun hindanda'amu. "Mootummaan Ida’aamuu" filannoon isaa daandii faana baramaa kana akka hintaane ibsa.

Yaanni lammeessoo kitaabichaa "Gahumsa"dha. Mootummaan Ida’aamuu yaannisaa hawwiifi dharraarraa ce’a. Raawwachuufi milkeessuu akka dandeenyu akeeka. Qabatamaatti yaaluun milkaa’inaafi olka’iinsa milkeessuun akka danda’amu amana. Fakkeessuufi fakkaachuu yeroo hedduu kan yaallee yoota’u, kanaan garuu galma badhaadhinaa dhugoomsu hindandeenye. Kanaafuu ida’amnee yoohojjannee qofa galma qabanne dhugoomsu akka dandeenyu dubbata kitaabichi. Kanaaf ammoo fakkeenyi guddaan Ashaaraa Magaariisaati. Fakkeenyi inni biroo, Hidha Haaromsaa Guddicha yoota’u, deeggarsaafi liqaa malee ijaarree fixu kan dandeenye bu’aa ida’aama walootiin akka ta’e hima kitaabni "Mootummaa Ida’aamu".

Bu’uurri yaadaa inni sadeessoon "Daandii"dha. Daandiin Mootummaa Ida’aamuu Itiyoophiyaanota muldhata tokko jalatti sassaabuufi abjuu tokko akka qabaatan gochuutti amana. Itoophiyaanonni erga muldhata tokko jalatti walitti qabamaanii booda cabiinsa adda baasuun furmaata waloo kaa’uun barbaachisaa akka ta’e eera kitaabichi.

Cabiinsi imala guddina dinagdee Itoophiyaa, cabiinsi rakkoo siyaasaa biyyaa keenya ajandaa diinoota keenyaa yoota’u, innis tokkummaa dhabuu akka ta’e hubachiisa. Dawaan tokkummaa dhabuu kanaammoo ida’aamu qofadha. Yoo nuti “Ida’aamu” jennu diinoonni keenya nirifatu. Yoo ida’aamnu maal milkeessuu akka dandeenyu waan beekaniif rifatu.

Dabalataanis cabiinsi ilaal-qalbii (Psyche) nurra ture bayyaanachuu akka qabu eerun abjuu waloo ummata keenya ‘danda’un’ agarsiisuun barbaachisaa ta’u akeeka. Daandiin Mootummaa Ida’aamu, ida’aama humnaafi ejjannoo waan fiduuf, galma badhaadhinaatti nugeessaa jedhee amana kitaabni "Mootummaa Ida’aamuu".

Yaadni afreessoon kitaaba kanaa "Mootummaa Ida’aamuu"ti. Mootummaan har'arra taa'ee, egereef kan hojjatuudha. Kan jirruu har’aarra garuu waa’ee balbala bahiinsaafi galuumsa keenya dubbanna akkasumas kanaaf hojjenna. Mootummaan, egereerra taa'ee, har'a kan shallagu ta’u qaba. Cabiinsa gama hundaan jiru waldhaanuuf har'arra taa'ee, boru boruuf karoorse hojjeta. Akkasumas Mootummaan Ida’aamuu har’arraa taa’ee cabiinsa boru kan waldhaanudha.

Dimshaashan kitaabni “Mootummaa Ida'amuu” Looreetii Nagaa Addunyaa, Mummee Ministiraa keenya Abiyyi Ahimad (PhD)'n barreeffame kun toorawwan ijoo kunniin bu’uureffachuun kan qophaa'e yoota'u, galmoota badhaadhinaa keenya hubannoo irratti hundaa'uun ariitiin milkeessuuf hoggansiifi caasaan sadarkaan jiru akka dubbisu yaadachiisuun goolabna.