Mootummaan Jijjiiramaa Naannoo Oromiyaa qonna naannichaa daangeffamaafi mala aadaan hojjatamaa ture gara qonna ammayyaa tekinoloojiin deeggarameefi bu'aa gabaa gidduugaleeffateetti ceesisuun, jijjiirama bu'uuraa fiduuf tarkaanfiiwwan dandeessisoo akka kil
Mootummaan Jijjiiramaa Naannoo Oromiyaa qonna naannichaa daangeffamaafi mala aadaan hojjatamaa ture gara qonna ammayyaa tekinoloojiin deeggarameefi bu'aa gabaa gidduugaleeffateetti ceesisuun, jijjiirama bu'uuraa fiduuf tarkaanfiiwwan dandeessisoo akka kilaastara qonnaa bal'inaan jajjabeessaa jira.
Qonni kilaastaraa tooftaa tarsiima'aa imala ce’uumsa Qonna Oromiyaa keessatti qooda adda durummaa qabu yoota'u, qonna haala faffaca'aan gaggeeffamu gara walootti fiduun, humna, qabeenyaafi tekinolojii gurmeessuu, sona dabaluu, dorgomummaa omishaafi qisaasama hambisuu keessatti gahee guddaa qabuudha.
Mootummaan Naannoo Oromiyaas, carraalee gama kanaan jiran gara bu'aa qabatamaatti jijjiiruuf, haala dandeessisoo hunda fayyadamaa kanjiru yoota'u, jalqabbii tarsiimoo qonna ammayya jalatti qabaman kan akka qonna kilaastaraatti dhimma bahuun tarkaanfataa jira. Bu'uuruma kanaan, tarkaanfilee bu'aa abdachiisaa fidaa jiran adda baasuun sirnoomsuu, akkasumas omishtummaa dabaluufi hanga isaa babal'isuuf xiyyeeffannoo addaa kennee hojjachuurratti argama.