Mootummaan Jijjiiramaa Naannoo Oromiyaa dinagdee damdaneessa ijaaruuf sochii taasisaa jiru keessatti damee qonnaa isa ijoodha
Mootummaan Jijjiiramaa Naannoo Oromiyaa dinagdee damdaneessa ijaaruuf sochii taasisaa jiru keessatti damee qonnaa isa ijoodha. Galmoota gurguddoo arfan qonnarratti qabatee hojjechaa jiru keessaa tokko omisha al-ergii baay'inaafi qulqullinaan omishuufi erguudha.
Kana milkeessuuf mootummaan tarkaanfiwwan dursee ce'uumsa Qonna Oromiyaa dhugoomsan labsuun hojii eegaleera. Tarkaanfiwwan kanneen keessaa, Inisheetiviin Avokaadoo sanyii filatamaafi al-ergiif ta'u "Labsii Ada’atiin" bara 2011 eegale isa tokkoodha.
Inisheetiviin kun, yeroo gabaabaa keessatti godinoota Oromiyaa garaagaraatti babal'achuu danda'ee jira. Hojii inisheetivii misooma avokaadoon hojjatameen, al-ergii avokaadoo dabalaa kan dhufeefi biqiltuun sanyii filatamaa gabaa adunyaarratti baay’ee jaalatamaa ta’ee kutaalee Oromiyaa heddu keessatti madaksuun ummata biraan gahuun danda'amee jira.
Inisheetiviin Avukaadoo gama tokkoon galmoota qonnaa, kanneen akka carraa hojii umuufi wabii nyaataa mirkaneessaa kan jiru yoota'u, gama birootin uwwisa magariisummaa kan dabaluudha. Dabalataanis, Avokaadoon soorata guyyuu lammiilee biyya keenyaa waan ta’eef, gabeessuummaa qonnaa (agricultural commercialization) babaldhisuuf mootummaan qabateen kallattiin kan walsimudha.