Ministirri Muummee Itti Aanaa Obbo Tamasgeen Xurunee daawwannaa jila MM Abiyyi Ahimad (PhD) durfamuun Godinaalee Wallaggaatti taasisan irratti yaada kennaniin Mootummaan Jijjiiramaa erga hunda’ee booda wanti lafa qabate inni guddaan, yaadaan biyya gaggees
Ministirri Muummee Itti Aanaa Obbo Tamasgeen Xurunee daawwannaa jila MM Abiyyi Ahimad (PhD) durfamuun Godinaalee Wallaggaatti taasisan irratti yaada kennaniin Mootummaan Jijjiiramaa erga hunda’ee booda wanti lafa qabate inni guddaan, yaadaan biyya gaggeessuu akka ta'ee dubbatan.
Obbo Tamasgeen ittifufuun, Inni guddaan kan nu hanqate ture yaadaafi yaadaaf of kennanii hojjachuu ture jedhan. Erga jijjiiramni dhufe booda yaada bal'aa muummicha ministeera burqisisaniin qabeenya qabnu hunda misoomsuuf carraa umameeras jedhan. Mootummaan jijjiiramaas yaadama ida'amuutiin halkaniifi guyyaa hojjachuun misoomni amma biyya keessatti argamaa jiru akka dhugoomu mul'iseera jedhan, Ministeerri Muummee Itti Aanaan Obbo Tamasgeen Xurunee.
Ittidabaluunis, misoomni Godinaalee Wallaggaa keessatti hojjatamaa jirus agarsiiftuu nageenyi waara’uu kan mul’isu waan ta’eef wal dhageeffannee tokkummaa keenya cimsachuun, kallattii ministira muummee irraa kennamu yoo hordofne kan kana caalus arguuf jirra waan ta’eef piroojektoota eebbifamaniifi hojjatamaa jiran eeggachuufi kunuunsuun irraa faayyadamuun barbaachisaa ta'uu yaadachiisan.






