Maqaa kaayyoo ganamaatiin kakaachaa, qabsoo Oromoo Solooloofi Cinaaksanitti deebisuu gonkumaa hin danda'amu. Pirezidaantii MNO, Shimallis Abdiisaa

  • 17 Feb 2026
  • Posted by oromiapre_ulpro
  • 0 Comments

Humnoonni badii Oromoo daraaraa jiran kaayyoo ganamaan kakaachaa egeree ummata keenya miidhaa jiru kan jedhan Pirezidaanti Shimallis, qaamni badii kun amaloota badiisaa hedduu kan qabaniidha. Humni badiisaa ummata keenya shororkeessu kun, amala ana malee jedhu kan qabu yoota'u,oftulummaafi ofittummaadhaan kan socho'aniidha jedhan Obbo Shimallis.

Itti aansuun gareen kun amala xawalwallummaa kan qabaniifi ejjanno kan hinqabneedha. Kanaaf qabsoo sabaa geggeessuu akka hindandeenye dubbatan Pirezidaantii Shimallis, sababa kanaaf jjarreen kun kaleessa keessatti hidhamanii waan hafaniif bakka Oromoon irra jiru hinbeekan. Oromoon amma humna gochuu horate jira. Kanaaf qabsoo Oromoo giddugala baasanii haqanqaalu kan barbaadaniif. Oromoon amma hiree ofii ofiin murteeffachuun ofiin ofbulchuu qofa osoo hin taane egeree biyyaa sadarkaa olaanatti murteessaa jiraachuu eeraniiru.

Humnoonni kun garee badii qofa osoo hintaane, garee diinota biyya alaa waliin hojjachuun fayidaa biyyaalessa keenya dangessuu barbaadan gantuudha jedhan. Walumaagalatti, ummanni keenya injifannoo argatee itichaa, rakkooleefi qorumsoota jiran furaa diinoota isaa bittinneessa fulduratti tarkaanfachaa jira jedhan kabajamoo Pirezidaanti Shimallis.

Mootummaan Naannoo Oromiyaas ol'aantummaa seeraa kabachiisuun cinaatti, karri nagaaf banamee yeroo hundaa banaa ta'uu dhaaman. Qaamolee karaa nagaan qabsaa’uuf fedhii qabaan waliin hojjechuuf daandii hundaa deemee simataa jedhan Pirezidaanti Shimallis. Mariifi marabbaan rakkooleefi garagarummaa jiran furuuf Mootummaan keenyaa qophaa'aa ta’u eeraniiru. Mariin amma geeggeeffamaa jiru jiraachuus kaasuun, kuni gama mootummaan cimee kan ittifufuu akeekaniiru.

Walumaagalaan, rakkooleefi gufuuwwan jiran hiikuuf aarsaa kaffalamuu qabu hunda kanfaluudhaan fedhiifi fayidaa ummata keenya eegsisuuf mootummaan yeroo kamiiyyuu qophiidha jedhan Pirezidaanti Shimallis.