Leenjiin Hoggantoota Mootummaa Naannoo Oromiyaatiif mata duree "Gara biyya fakkeenya badhaadhinaa taateetti" jedhuun guyyoota afuriif kennamaa ture goolabame.

  • 01 Sep 2025
  • Posted by oromiapre_ulpro
  • 0 Comments

Leenjiin Hoggantoota Mootummaa Naannoo Oromiyaatiif mata duree "Gara biyya fakkeenya badhaadhinaa taateetti" jedhuun guyyoota afuriif kennamaa ture goolabame.

Pirezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa biyya fakkeenya badhaadhinaa taate ijaaruudhaan egeree amansiisaa bu'uuressuuf hoggansi sadarkaan jiru carraawwan misoomaa fi humnoota waloo qindeessee fayyadamummaa qaba jedhan.

Mul'ata akka biyyaatti qabame milkeessuudhaafis dhaloota ogummaan gahoome horachuu, dhaabbilee hunda keessatti qulqullina tajaajilaa mirkaneessuu, riifoormii eegalame cimsuun gaaffii bulchiinsa gaarii deeebisuu dabalatee hojiileen itti quufiinsa hawaasaa mirkaneessanii fi faayidaa biyyaaleessaa eegsisan sirnaan  raawwatamuu qabu jedhaniiru.

Hogganaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaa Obbo Kaffaaloo Tafarraa abjuu biyya fakkeenya badhaadhinaa taate ijaaruuf qabanne galmaan gahuuf tokkummaa keessoo paartii cimaa ta'e mirkaneessuu fi ijaarsa dhaabbilee bu'a qabeessa taasisuun barbaachisaadha jedhanii, hoggansi milkaahinoota hanga ammaatti argaman gara sadarkaa ol'aanaatti ceesisuufi qormaatilee jiran gahumsaan cehuuf kutannoo ol'aanaa fi miira itti gaafatamummaa cimaadhaan hojjachuu akka qabu dhaamaniiru.

Leenjii kun giddu gala Adaamaa, Maayaa, Jimmaa, Naqamtee, Bulee Horaa, Amboofi Shaashamanneetti guyyoota 4'f kennamaa kan ture yoota'u, hooggantoonni 3,500 ol leenjiicha qooddatanii jiru.