Lafti Gujii gubbaaf keessi isaa warqiidha; ummanni isaammoo warqee caala! Shimallis Abdiisaa, Pirezidaantii MNO
Lafti Gujii gubbaaf keessi isaa warqiidha; ummanni isaammoo warqee caala! Shimallis Abdiisaa, Pirezidaantii MNO
Sirna eegalchiisa ijaarsa Buufata Xiyyaaraa Shaakkisoo irrattiargamuun dhagaa bu'uuraa kan kaa'an Pirezidaanti Shimallis Abdiisaa, fedhii carraa misoomuu hawaasni keenya qabu hunda adeemsaan qaamolee garaagaraa hirmaachisuun guutamaa akka deemu dubbatan.
Buufanni Xayyaaraa Shaakkisoo har'a ijaarsi isaa eegale kun ji'a Fulbaana dhufu ijaarsi isaa goolabamuun hojii kan eegalu ta'uu kan eeran Pirezidaanti Shimallis, kunis Godina Gujii giddugala sochii dinagdee ol'aanaa kan taasisuu ta'uus himanii jiru.Jijjiirama dura Oromiyaa keessa buufanni xiyyaaraa Jimmaa qofa keessa kan turedha. Haata'uu malee xiyyeeffannoo mootummaan jijjiiramaa gaaffii misoomaa ummataaf kenneen, Oromiyaa keessa Buufanni xiyyaaraa Dambi Doolloo, Naqamtee, Yaabelloofi Roobee tajaajila kennuu kan eegalan yoota'u, yeroo dhiyoottii ammoo Buufanni Xiyyaaraa Mattuu, Nageelleefi Shaakkisoo ijaarsi isaanii ariitiin goolabamuun tajaajila balallii kan eegalu ta'u ittidabaluun ibsanii jiru.






