Inisheetivonni godina Shawaa Bahaatti hojiitti hiikamaan milkaa’oodha- MM Abiyyi Ahimad (PhD)
Inisheetivonni godina Shawaa Bahaatti hojiitti hiikamaan milkaa’oodha- MM Abiyyi Ahimad (PhD)
Jilli MM Abiyyi Ahimad (PhD)’n durfamu godina Shawaa Bahaa Aanaa Dugdaatti argamuun sassaabbii omisha qamadii kilaastaraan omishamee eegalchisaan.
Sirna sassaabbii omishaa kana booda yaada kennaniin inisheetivonni godinichaatti eegalamaan bu’aa qabeessummaan isaanii olaanaadha kan jedhan yoota’u, hojiin omisha qamadii arfaasaafi gannaatti roobaan, birraafi boonaattimmoo jaallisiin qonni kan ittifufuu ta’u eeraan.
Pirezidaantiin MNO Obbo Shimallis Abdiisaa, gama isaaniin mootummaan naannoo qonna naannichaa ceesisuuf makaanayizeeshinii qonnaati hanga teknolojii ammayyaa hedduu fayyadamaa jiraachu dubbatan. Qonnaan bultoonni naannichaa galtewwaan qonnaa ammayyaafi sanyii filaatama akka argataniif akkasumas kilaasteraan akka omishaaniif deeggarsi ogummaafi leenjii hubannoo umuu gama mootummaatiin taasifamaa jiraachu himaniiru Pirezidaanti Shimallis.
Jilli MM’n durfamu kun daawwiisaa godinichaatti taasisaa jiru ittifufuun Aanaa Booraatti kan argamee yoota’u, inisheetivii misooma muuziifi paappaayyaa kilaasteraan omishama jiru kan dawwaatera. Kanaan duraa sanyiin paappaayyaa ture dheedheeroofi omishini isaa gadi-aanaa ture sanyii filaatama biyyaa alaarra galchuun bu’aa qabeessummaan paappaayyaa akka dabaluu taasifamuu himan kabajamoo MM’n. Kunis hojii wabii miidhaan nyaataan ofdanda’uuf akka galma ijootti qabamee milkeessuuf shoora ol’aanaa akka qabaatudha kan isaan dubbatan.






