Eebbifamuu Hidha Haaromsaa Guddicha Itiyoophiyaa(GERD) sababeeffachuudhaan mariin paanaalii mata duree, ‘Gamtaan Milkeessineerra!” jedhuun Oromiyaa iddoowwan garagaraatti gaggeeffamaa jira.

  • 23 Sep 2025
  • Posted by oromiapre_ulpro
  • 0 Comments

Eebbifamuu Hidha Haaromsaa Guddicha Itiyoophiyaa(GERD) sababeeffachuudhaan mariin paanaalii mata duree, ‘Gamtaan Milkeessineerra!” jedhuun Oromiyaa iddoowwan garagaraatti gaggeeffamaa jira.

Pirezidaantii Itti Aanaa Mootummaa Naannoo Oromiyaa, Obbo Awwaluu Abdii, marii paanaalii hawaasa Godina Arsiifi Magaalaa Asallaa irratti argamuun haasawaa taasisaniin, Hidhi Haaromsaa booyichaafi olola diinotaa bira ce'ee eebbifamuun tokkummaafi wareegama qaaliin itti kaffalameeti jedhan.

Itiyoophiyaan dhiibbaafi shira Ji'oopolotikaa laga Abbayyaan walqabatee ishii mudachaa ture, carraaqqii, copha dhiigaa, copha imimmaaniifi aarsaa guddaadhaan irra aanuun, Hidha Haaromsaa Guddicha Itiyoophiyaa xumuruun eebbifteetti. Cichoominni biyyaa kun, fakkeenyummaa guddaa Afrikaanotaafi ummata gurraachaa hundaaf kan ta’uu akkasumas xombora abdii kan qabsiisedha.

Imalli obsa fixachiisaan waggoota 14  kun, ida'ama raawwachuu Mootummaa Jijjiiramaa, ofqusachuu dhabuu ummata Itiyoophiyaa, aarsaafi ofkennuu hojjattoota hidhichaafi sarmuu diduu qaamolee nageenyaan dhugoome. Itiyoophiyaanonni, akkuma dhiigaafi lubbuu kanfalanii birmadummaa biyya isaanii tiksan, irree gamtoomeen hojjachuun, ofitti hirkatanii biyya isaanii misoomsuu, firaafis, diinaafis irra deebiin dhugoomsaniiru!

Eebbifamuun Hidha Guddichaa, lammiilee biyya keenyaatiif gammachuu addaafi abdii guddaa kan umedha. Abdiin kun, gama tokkoon bu’aa hirmaannaa waloo arguun biyyi keenya injifachuu yoota’u, gama biraatiin sochiin kun misooma birootiif abdii kan gumaachudha.

Bu'uuruma kanaan, goolabamuu hidha seena qabeessa kanaan, kutaalee hawaasaa sagantaalee garaagaraan gaggeeffamaa jira: Magaalaa Amboo, Magaalaaa Mattuu, Magaalaa Maayaa, akkasumas Godina Shawaa Lixaa, Boorana Bahaafi Baalee Bahaatti mariin paanaalii gaggeeffamee jira.