Mootummaan Jijjiiramaa galma badhaadhina hundagaleessaa mirkaneessuuf qabate karoora misoomaa ariitii, qulqullinaafi baay'ina qabuun dhugoomsuuf socho'aa jira. Bara baajata kanarraa eegalee, Karoora Imala Badhaadhinaa Yeroo Giddugaleessaa Marsaa 2ffaa (20
Mootummaan Jijjiiramaa galma badhaadhina hundagaleessaa mirkaneessuuf qabate karoora misoomaa ariitii, qulqullinaafi baay'ina qabuun dhugoomsuuf socho'aa jira. Bara baajata kanarraa eegalee, Karoora Imala Badhaadhinaa Yeroo Giddugaleessaa Marsaa 2ffaa (2018-2022) qopheessuun raawwitti galeera.
Karoora hojii bara kanaaf qabame milkeessuuf, mootummaan bajata waliigalaa birri bil. 400 labseera. Kana keessaa %47.6 bajata kaappitaalaa yoota'u, piroojektoota buleeyyiifi haraa hedduu ittin raawwachuu irratti argama. Piroojektoota kanniin keessaa irra jireessi bu'uuraalee misoomaa fayyadamummaa ummata keenyaa dhugoomsuu irratti xiyyeeffatanidha. Gamaaggama raawwiin hanga ammaa bakka Pirezidaantii Itti Aanaa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Awwaluu Abdii argamanitti kan gaggeeffame yoota'u, sadarkaa jajjabeessaarra jiraachuu haasaa taasisaniin ibsaniiru.
Ragaa hanga Amajjii 30, 2018 uwwisu akka agarsiisutti Naannoo Oromiyaatti, piroojektoonni bajata birrii bil. 339.17 ol qaban abbummaa mootummaa federaalaa, naannoo, godinaa, aanaafi magaalaatiin raawwatamaa jiru. Kanneen keessaa piroojektoonni federaalaa 105 yoota'an, 78 buleeyyii, 27 haraan birrii bil. 128.69'n ijaaramaa jiru.
Piroojektoonni mootummaa naannoo 8,619 yoota'an, baasii birrii bil. 98.42 oliin hojjataamaa jiru. Abbummaa godina, aanaafi magaalaatiin ammoo piroojektoonni waliigalaa 19,039 ol lafarra kan jiran yoota'u, baasii birrii bil. 112.08'tiin hojjatamaa jiru.
Gamaaggama raawwii piroojektootaa guyyaa har'aa gaggeeffame kanarratti kallattii kan keennan Obbo Awwaluun, rakkolee akka harkifannaa qorannoo, dhiyeessii, caal baasii, waliigaltee mallatteessuu, daangaa kabachiisuu, akkasumas harkifannaan kontiraaktarootaa hataattamaan fuuramee piroojektoonni hojiitti hingalle akka galan himaniiru. Akkasumas, kanniin hojii keessa jiran ammoo akkaatuma sagantaa raawwii isaaniitiin raawwachuun fayyadamuummaa ummataa dhugoomsuun hojii qoddattoota hunda akka ta'e eeraniiru. Kana malees, ji'oottan dhufanitti hojiin hordoffiifi deeggarsa cimee ittifufuu akka qabu hubachiisaniiru.






