Hogganummaa dinagdee kennamaa jiruun badhaadhina maatii mirkaneessuuf aadaan qusannaa, liqeeffatanii hojjechuufi liqii deebisuu fooyya’aa dhufe jira.Pirezidaantii MNO, Shimallis Abdiisaa

  • 17 Feb 2026
  • Posted by oromiapre_ulpro
  • 0 Comments
Hogganummaa dinagdee kennamaa jiruun badhaadhina maatii mirkaneessuuf aadaan qusannaa, liqeeffatanii hojjechuufi liqii deebisuu fooyya’aa dhufe jira.
Mootummaan dhaqqabamummaafi hammattummaa faayinaansii babaldhisuuf ejjennoo olaanaa qaba. Ummanni keenya kana akka carraa jijjiiramaatti itti gargaaramuuf dandeettii dhaweessummaafi ogummaa guddifachuun bal’inaan hojiirratti bobba'uu qabaata.
Mootummaan naannoo keenyaa badhaadhina lammiilee keenyaa milkeessuuf kutannoofi murannoo cimaadhaan sochiiwwan yeroo kamiinuu caalaa hirmaannaa ummaataa caalmaan mirkaneessaa; kaayyoofi galmoota gurguddaa qabaman bifa adda ta’een milkeessuuf hojjechaa jira.
Gama biraatiin, mootummaan naannoo keenyaa galii akka naannootti sassaabamuun of-danda’uuf tattaaffiin taasisaa jiru baay’ee milkaa’aa jira. Baajata murtaa’aa ta’ees karaa qusannaafi of-eeggannoo qabuun hojiirra oolchuuf yaaliin taasise gaarii jedhamee kan fudhatamudha.
Haata’uutii, fedhiin misoomaa ummatni keenya gama hundaan qabu sadarkaa hundattuu olaanaa waanta’eef; ji’oota jahan bara baajataa 2018 kanatti hawaasni keenya aadaa fi duudhaa Oromoo gabbifatee naannoo isaa yeroo, humna, beekumsa, ogummaafi qabeenya qabuun tajaajila lammummaa gumaacheen tilmaamni qar. bil. 314.9 (%87.3) raawwatameera.