Mootummaan Naannoo Oromiyaa misooma magaalaatiin galmoota gurguddoo afur milkeessuuf hojjetu keessaa tokko wabii nyaataa mirkaneessuudha
Mootummaan Naannoo Oromiyaa misooma magaalaatiin galmoota gurguddoo afur milkeessuuf hojjetu keessaa tokko wabii nyaataa mirkaneessuudha. Wabii nyaataa mirkaneessuun, gama tokkoon jiraattonni magaalaa galii madaalawaa akka qabaatan, gama biraatiinimmoo magaalonni omisha kan fudhatan qofa osoo hintaanee omishaanii gabaa akka tasgabbeessan kan dandeessisudha.
Yaadama Mootummaa Ida’amuutiin, magaalota eeggattummaafi hirkattummaa nyaataa irraa gara omishtummaatti ceesisuun, karaa amanamaa magaalonni nyaata qulqulluu ittiin argatan mirkaneessuudha. Magaalonni giddugala misoomaafi motora ce’umsa dinagdee ta’uun guddina ittifufiinsa qabu akka galmeessaniif, dabalataanis, hidhata magaalaafi baadiyyaa walsimataa taasisuun, wabii nyaataa mirkaneessuu irratti hojiiwwan gurguddoo hojjachuurratti argama.
Bu’uuruma kanaan, Mootummaan barii jijjiiramaarraa eegaluun dilbiiwwan magaalonni omishaaf qaban qorannoon adda baasuun tarsiimoowwan ifa ta’an qopheessuun hojiirra oolchaa jira. Tarsiimoon kunneen, magaalonni dilbii qaban duguuganii fayyadamuun, wabii nyaataa mirkaneessuuf akka hojjatan haala mijaawaa gama hundaan kan umanidha.
Jiruufi jireenyi uummata magaalaa fooyyessuun badhaadhinaa bu’uuressuuf, magaalota keessatti inisheetiviiwwan qonna magaalaa akka hojiirra oolu taasisuun gama tokkoon jiraattonni eeggattummaarraa gara omishaatti akka cehan, gama biraan jiraattota magaalaa nyaata bittaadhaan argataniif, nyaatni gatii madaalawaadhaan magaalota keessatti akka argamuuf hojjatamaa jira.
Kanamalees, kilaasterri misooma beeyladaa karaa guutuu ta'een hojiitti galuun, furdisa loonii, misooma loon aannanii, horsiisa lukkuu, qurxummiifi booyyee akkasumas omisha dammaa irratti hojii baldhaan hojjetame, magaalonni eeggattummaarraa gara omishtummaatti ce’uurratti argamu. Omishni argamu galtee industiriif, sona dabaluufi gabaa tasgabbeessuu irratti gumaacha guddaa taasisaa jira. Dabalataanis, omishni qixa sirriin fayyadamtoota akka dhaqqabuuf cancalaa gabaa gabaabsuufi walitti hidhamiinsa gabaa uumuuf gidduugala gabaa ijaaramaa jiru.
Walumaagalatti, mootummaan dhimmoota ijoo afran wabii nyaataa mirkaneessuuf murteessoo ta’an: argama nyaata, dhaqqabummaa nyaata, ittifayyadama nyaataafi ittifufinsi nyaataa akka jiraatu gochuu irratti xiyyeeffannoon kan hojjatu ta’a. Kanaanis magaalonni dilbii qaban adda baasuufi duguuganii fayyadamuun, eeggattummaarraa gara omishuutti ce’uun gabaa tasgabbeessuutti akka cehan kan taasisu ta’a.






