Qorannoo raawwii hojii paartiifi mootummaa kurmaana duraa bara 2018 guyyoota sadiif gaggeessaa turre goolabne.

  • 17 Oct 2025
  • Posted by oromiapre_ulpro
  • 0 Comments

Qorannoo raawwii hojii paartiifi mootummaa kurmaana duraa bara 2018 guyyoota sadiif gaggeessaa turre goolabne.

Qorannoo kanaan, ciminootafi hanqinaalee kurmaanicha keessatti muldhatan maddoota isaanii waliin gadifageenyan kan illaalle yoota'u, toorawwan xiyyeeffannoo kurmaanota dhufaniis keenyerra.

Kurmaanota itti aananitti dhimmoota ijoo milkaa'ina galmoota keenyaatiif bu'uura akka ta'an adda baafne duguugnee fayyadamuun dirqama caasaa keenya hundaati. Bu'uuruma kanaan, carraalee gama hundaa  jiran bu'a qabeessummaan fayyadamuufi tarkaanfii keenya hunda kurmaana qofaan osoo hintane galmoota qabsoo Oromootiin madaalaa deemuu qabna. Kanaaf ammoo muuxxannoowwaniifi beekumsa horanne cinaatti, sabboonummaa Oromoo dhugaa gochaan dabaalame gonfannee socho'uun dhimma murteessaa ta'uu hubatamuu qaba.

Walumaagalatti, naannoo keenya gama hundaan furguga keessa galchinee gulantaa ittaanutti hanga hinceesisnetti milkaa’inni itti ofdagannu akka hinjiraanne hubachiisaa, caasaan keenya sadarkaan jiru araarama tokko malee sabboonummaa dhugaafi ergama qabsoo Oromootiin masakamee socho'uu akka qabu cimsee hubachiisuun barbaada.