Pirezidaantii Itti Aanaa Mootummaa Naannoo Oromiyaa, Obbo Awwaluu Abdii Godina Shawaa Kaabaa Magaalaa Sandaafaa Bakkeetti pirojektoota misoomaa fayyadamummaa ummataa mirkaneessan, baajata mootummaafi Tajaajilaa Lammummaan hojjataman eebbisuun tajaajilaaf

  • 07 Sep 2025
  • Posted by oromiapre_ulpro
  • 0 Comments

Pirezidaantii Itti Aanaa Mootummaa Naannoo Oromiyaa, Obbo Awwaluu Abdii Godina Shawaa Kaabaa Magaalaa Sandaafaa Bakkeetti pirojektoota misoomaa fayyadamummaa ummataa mirkaneessan, baajata mootummaafi Tajaajilaa Lammummaan hojjataman eebbisuun tajaajilaaf banaa taasisaniiru.

Pirojektoonni eebbifamuun tajaajilaa eegalan kunneenis, Gamoo giddu gala daldalaa Sandaafaa Bakkee abbaa darbii afurii, Mana  Barnoota Bu'uura Boruu, Kilaasteroota inisheetiivii furdisa horii, horsiisa Lukkuufi dallaa manneen barnootaati. Obbo Awwaluun wayita piroojektoota kana eebbisiisan Mootummaan Jijjiirama Naannoo keenyaa pirojeektiiwwan adda addaa fayyadamuummaa ummataa mirkaneessan qulqullinaafi baay'inaan akka hojjechaa jiru dubbachuun fuulduraattis cimsee akka ittifufuu himaniiru.

Dabalataniis, Obbo Awwaluun Gamoo Bulchiinsa Magaalichaafi Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Magaalaa Sandaafaa Bakkee ijaarsarra jiru kan daawwatan yoota’u, ijaarsa mana barumsa bu'uura Boruu Faalleef immoo dhagaa bu'uura kaa'aniiru.