Gama barnootan, dhaloota bu'uura boruu qopheessaa jirra; dhaloonni kunimmoo waan hundaan dhaloota dorgomaa ta'eedha. - Shimallis Abdiisaa, Pirezidaantii MNO

  • 01 Sep 2025
  • Posted by oromiapre_ulpro
  • 0 Comments

Gama barnootan, dhaloota bu'uura boruu qopheessaa jirra; dhaloonni kunimmoo waan hundaan dhaloota dorgomaa ta'eedha. - Shimallis Abdiisaa, Pirezidaantii MNO

Mootummaan Jijjiiramaa Naannoo Oromiyaa galma dhaloota saayinsiifi teknoloojiin dorgomaa ta'e umuu qabate milkeessuuf, sektera barnootaa irratti hojiiwwan gurguddoo hojjachuu irratti argama. Hojiileen kunneen, gama tokkoon cabiinsa sirna barnootaa kaleessarraa dhaalame bayyanachiisuu yoota'u, gama biraan barnoota dhaqqabamaafi qulqullina qabu lammiilee biraan gahuun, dhaloota dorgomaa umuudha.

Bu'uuruma kanaan, Naannoo Oromiyaatti bara barnootaa 2018'tiif, galmeen barattootaa Hagayya 26/2017 irraa eegalee hanga Qaammee 5/2017tti kan gaggeeffamu ta'a. Mootummaan, bara barnootaa 2018tiif barattoota miliyoona 13 barsiisuuf qophii barbaachisaa hunda kan taasise yoota'u, kitaabilee dabalatee hojiin meeshaalee barnootaa guutuu, suphaafi haaromsa manneen barnootaafi qophiileen biroo si'oominaan gaggeeffamaa jiru. Kana malees, tooftaalee baruufi barsiisuurratti jijjiirama fiduuf, dandeetti barsiisotaa cimsuuf leenjiin garagaraa kennamaa jira. Dabalataanis, akka Naannoo Oromiyaatti Fulbaana 5/2018 irraa eegaluun barnoonni bara 2018 guutuummaatti kan eegalu yoota'u, barsiisonniifi hawaasni mana barnootaa Hagayya 23/ 2017 irraa eegalee manneen barnootaatti argamuun haaloota kan mijeessu kan jalqaban ta'a.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa sochii dhaloota dorgomaa ta’e ijaaruuf taasisaa jiru milkeessuuf, caasaan mootummaa sadarkaan jiran, maatiin, hawaasniifi qooda fudhattoonni hundi dirqama kana kan fudhatan yoota'u, barattoota umuriin isaanii barnootaaf gahe hunda gara mana baruumsaatti erguufi barataan kamuu mana baruumsarraa akka hin hafne gochuun hojii dhaloota dorgomaa ijaaruu keessatti gumaacha lammiilee hundarraa eegamu haa baanu!