Gamaaggama raawwii hojii mootummaa kurmaana 2ffaa bara 2016 goolabne!
Gamaaggama guyyoota sadiif ture kanaan, raawwii keenya ija "Karoora Xiiqii"tiin ilaallee jirra. "Karroorri Xiiqii" keenya "osoo qabnuu akka dhabaa; osoo dandeenyuu akka dadhabaa ta'uu hin qabnu" jedhu irraa kan maddeefi dilbii jiru hunda duguugee fayyadamuu kan kaayyeffateedha.