Ijaarsa Sirna Oromoon hundeeffama biyya Itiyoophiyaa baroota kumaatamaan lakka’aaman keessatti injiifanno galmeessise qabsoo walirraa hincinne keessa darbe eenyummaa fakkeenya Biyyaa fi Afrikaaf ta’u siyaasa fi bulchinsa Sirna Gadaa, Hawaasa-dinagdee hammattummaa fi ida’aachuun masakamen as geenye. Har’as Oromoon sirna, duudhaa fi sona fakkeenyumma qabu kanaan rakkoleen boqonnaa qabsoo isa mudataa jiran akkamitti akka cee'u seenaa fi sirnaan bareechee beekaa.Boqonnaan qabsoo keessatti argamnu kun, madaalliif bifa kamiinuu addaa. Oromoon sirna darban keessatti injiifannoo akka biyyaaf eenyummaan isaan galmeeffaman akka yakkaatti yaadamaa seenaa injifannoo biyya utube qabu akka moolqamuu ta’e ture ifatti hubachaa, qaacceeffataa, deebisee dhuunfachaa biyya harkaa qabu ceessisuuf ciminaan hojjetaa jiru irratti argamnaa. Gama biraan sadarkaa qabsoo irra gaheenye kan keessatti uummanni keenyaa miidhaa fi miira seenaa kaleessa keessa kaa’uun feedhi murna fi dhunfaa isaaniif akka tolu gaadi’uuf yaalame fashaleessaa injifannoo sabaa fi biyyaa sirnaan utubamtee fi ititte ijaaruuf Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa yeroo kamu caalaa xiyyeeffanoon hojetaa jira.
